Tamsaasa Kallatti:

Waltajjiin marii mata duree hirkattummaa irraa gara Oomishtummaatti jedhu gaggeeffamaa jira

Caamsaa 13/2018 (ENA): Waltajjiin marii mata duree hirkattummaa irraa gara Oomishtummaatti jedhuun magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii marii kana kan qopheessan wal ta’insa ENA fi Ministeera Qonnaa yoo ta’un hawaasa dhimma oomishtummaa irratti kutannoo qabu uumuuf kan kaayyeffatedha.
Waltajjiiwwan walfakkaatan kanaan dura Adaamaa fi Sidaamaatti kan gaggeeffaman yoo ta’u, mariin muuxannoo naannoo tokkoon tokkoon isaanii qoratu gaggeeffamaa tureera.

Hojiin naannoleen adda addaa hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uufi gara birmadummaa nyaataan ce’uuf hojjetaa jiranis qoratameera.


Waltajjii har’aa kana irratti Waajjira Ministira Muummeetti Qindeessa Giddugala Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa, Itti Aantuu pireesidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii Roozaa Omar, fi Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Ibraahim Yuusuf argamaniiru.
Akkasumas, Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Jijjiirama Qonnaa Dr. Maandafiroo Nugussee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo argamaniiru.

Kana malees, qonnaan bultoonni Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa, naannoo Somaalee, Hararii fi Affaar waltajjii kanarratti hirmaachaa jiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015