Tamsaasa Kallatti:

Paarkiin bashannana uummataa Addis Ikkoo Eebbifamee hawaasaaf banaa ta’e

Caamsaa 13/2018(ENA): Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, Paarkii Bashannana Uummataa Hunda-galeessa Addis Ikkoo eebbisnee tajaajilaaf banaa gooneera jechuun ibsaniiru.


 

Paarkichi Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti iddoo addaa Askoo Addis Safar jedhamutti lafa kaaree meetira kuma 30 irra kan buufate yoo ta'u, daa'imman, dargaggoota, maanguddoota, harkaqalleeyyii fi sooressa osoo hin qoodin uummanni hundi walitti dhufee kan itti tajaajilamu, miidhagaa fi hawwataa ta'een kan xumurame ta'uu fi jiraattota naannichaatiif iddoo bashannanaa filatamaa ta'ee kan tajaajilu ta'uus ibsaniiru.


 

Paarkichi keessa isaatti: Finca'aa bishaanii miidhaginaa, Dirree kubbaa miilaa, Iddoo tapha daa'immanii,Amfii-tiyaatira(iddoo agarsiisaa),Kaafteeriyaa ammayyaa,Suuqotaa fi mana cuunfaa (Juus baarii), Iddoo dhaabbii konkolaataa (Paarkingii),mana qaama dhiqannaa fi mana fincaanii ammayyaa, akkasumas daandii miillaan itti deeman bal’aa qulqullina olaanaan guutamee ijaarameera.


Iddoon kun kanaan dura iddoo balfa itti gatanii fi namoonni seeraan alaa karaa hin taaneen itti fayyadamaa turan ta'uu isaas dubbataniiru.

Har'a garuu gatiiwwan hedduun itti dabalamanii namummaa fi miira kan haaromsu, uummatni waliin kan itti fayyadamuu fi naannoo qulqulluun uumamuusaas dabalanii ibsaniiru.

Kantiibaan Adaanech, Paarkii bashannanaa hunda-galeessa kana uummatni hundi itti fayyadamaa akka eeggatuuf imaanaan jedha jechuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015