Naannoo Oromiyaatti Qophii Qonna Gannaatiif lafti Heektaarri Miiliyoona 6.7 qophaa’eera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Qophii Qonna Gannaatiif lafti Heektaarri Miiliyoona 6.7 qophaa’eera
Caamsaa12/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaatiin lafa misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoona 6.7 qophaa'uu isaa Biroon Qonna Naannichaa beeksiseera.
Guyyaa har'aa hoggantoonni Biiroo Qonnaa Naannichaa fi hoggantoonni hojii Godina Jimmaa bakkatti argamanitti, Godina Jimmaa Aanaa Botor Xollaayitti lafa qonna Gannaatiif qophaa'e sanyii boqqollootiin Facaasuu jalqabsiisaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu yeroo kanatti akka dubbatanitti, naannichatti qonna Gannaa baranaatiin lafa heektara miiliyoona 11.1 sanyiidhaan facaasuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsaniiru.
Adeemsa hanga ammaatiinis lafa qonna Gannaatiin misoomsuuf karoorfame keessaa heektara miiliyoona 6.7 kan ta'u qophaa'uu isaa dubbataniiru.
Barana galteewwan qonnaa dursanii qonnaan bultootaaf dhiyaachaa waan jiraniif, qonna gannaa kanaan bu'aan caalu ni argama jedhamee abdatamaa jira jedhaniiru.
Naannichatti makaanaayizeeshinii qonnaa babal'isuuf waggoottan darban keessa hojiin teekinoloojiin deeggarame hojjetamaa turuu isaa yaadachiisanii, barana qofa tiraakteroonni kuma 1 fi 200 qonnaan bultoota naannichaatiif qaqqabuu ibsaniiru.
Yeroo kanatti waliigala naannichatti tiraakteroonni kuma 11 ol hojii qonnaa saffisiisaa jiru jedhaniiru.
Kanaan alatti, qonna baranaatiif qonnaan bultootaaf xaa'oo kuntala miiliyoona 10.5 dhiheessuuf karoorfame keessaa miiliyoonni 7 gara naannichaa kan seene yoo ta'u, miiliyoonni 3 raabsamuusaa eeraniiru.
Itti-aanaan Bulchaa Godina Jimmaa obbo Yuusuuf Shaaroo gama isaaniitiin, godinichatti qonnaan bultootaaf galteewwan qonnaa dursanii akka dhiyaatan taasifamuu dubbatanii, qonna Gannaa baranaatiin lafa heektara kuma 883 ol misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Lafa waliigala misoomu kana keessaa lafti heektara kuma 200 ol sanyii boqqollootiin kan misoomu ta'uu eeraniiru.
Qonnaan bulaa Aanaa Botor Xollaay Kabbadaa Taayyee lafa heektaara 7 irratti hojii boqqolloo misoomsuu jalqabuu isaanii ibsaniiru.
Qonnaan bulaa biraan Umar Qaasiim gama isaaniitiin, kanaan dura qonna kilaasteraan misoomsuun hektaara tokko irraa callaa kuntaala 75 argachuu isaanii dubbatanii, tiraakteraan deeggaramanii qotuun lafa isaanii sanyiidhaan uwwisuu jalqabuu isaanii ibsaniiru.
Qonna baranaatiif qonnaan bultootaaf deeggarsi ogummaa barbaachisaan taasifamaa jiraachuunis ibsameera.