Paartichi Hojiiwwan Fayyadamummaa Uummataa Mirkaneessan hojjeteera - ENA Afaan Oromoo
Paartichi Hojiiwwan Fayyadamummaa Uummataa Mirkaneessan hojjeteera
Caamsaa 12/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa naannoo Oromiyaatti dameewwan Qonnaa, Industirii, Tajaajilaa fi kanneen birootiin hojiiwwan fayyadamummaa uummataa guddisan raawwachuusaa Itti-anaan Pireezidanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii ibsan.
Paartiin Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa fi Bulchiinsa Magaalaa Ambootti duula nafiladhaa gaggeesseera.
Sirna duula nafiladhaa kana irratti kan argaman Itti Aanaan Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa waggoottan darban keessa hojiiwwan misoomaa jireenya uummataa fooyyessan raawwateera jedhaniiru.
Dabalataanis, fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf hojii hojjetameen bu'aan hundagaleessi argamaa jiraachuu dubbataniiru.
Keessattuu naannoo Oromiyaatti dameewwan qonnaa, industirii, tajaajilaa fi kanneen birootiin hojiiwwan fayyadamtummaa uummataa guddisuu danda'an hedduun raawwatamuu isaanii eeraniiru.
Paartichi misooma hawaas-dinagdee mirkaneessuun, haqni, wal-qixxummaanii fi tokkummaan dimokiraasii akka guddatu akkasumas waliin jireenyi akka cimu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Bulchaa olaanaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa Guddataa akka ibsanitti; Badhaadhinni paartii jijjiirama hawaas-dinagdee mandhaalee qabatee ka'eedha jedhaniiru.
Godinichatti waggoottan jijjiiramaa darban keessa inisheetivoota misoomaa mootummaan naannichaa qopheesseen hojiiwwan bal'aan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamuu isaanii dubbataniiru.
Waggoottan jijjiiramaa darban keessa Amboo dabalatee magaalaawwan biroo keessattis sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuuf hojiin bal'aan hojjetamuu kan ibsan immoo Kantiibaa Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuuti.
Paartichi hojiiwwan misoomaa qabatamaa qonna magaalaa fi dameewwan biroo keessatti qulqullinaan hojjechuusaa addeessaniiru.