Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbileen Siivikii filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti qooda hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsanii itti fufuu qabu

Caamsaa12/2018(ENA): Dhaabbileen siivikii filannoo waliigalaa torbaffaa keessatti gahee hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsaanii itti fufuu akka qaban Itti Aanaan Daarektara Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivikii Itiyoophiyaa Fasiikaaw Mollaa hubachiisan.

Waltajjii marii ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa waliin ta'uun mata-duree “Gahee Miidiyaalee Milkaa'ina Filannoo Dimokiraasii Keessatti” jedhuun waliin qopheessan magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jiru.


Waltajjiin kun filannoo dimokiraasii fi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun itti gaafatamummaa qaama dhimmi ilaallatu hundaa ta’uusaa hubachiisuuf kan qophaa’eedha.

Marii kanarratti Ministira Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaay, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, itti aanaa dariktara Abbaa Taayitaa Dhaabbilee hawaasa siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, gaggeessitoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaalee,hoggantoonni miidiyaalee fi gaazexeessitoonni hirmaataniiru.


Waltajjicharratti,Itti Aanaan Daarektera Olaanaa Dhaabbilee Hawaasa siivikii Fasiikaaw Mollaa akka jedhanitti hawaasni siivikii filannoo walii galaa 7ffaa keessatti gahee hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Filannoo dimokiraasii fi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun dirqama waliinii ta’uu eeranii, gaheen dhaabbilee siivikiis baay'ee murteessaa ta'uu kaasaniiru.

Gaheen dhaabbilee siivikii yeroo filannoo taajjabdummaa qofa osoo hin ta’iin, lammiileen ijaara sirna dimokiraasiitiif itti gaafatamummaa fi abbummaadhaan akka dhaabbatan gochuu keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabu jedhaniiru.

Kanaanis, dhaabbileen kun lammiileen waa’ee barbaachisummaa filannoo irratti hubannoo gahaa akka argatan gochuu keessatti gaheen isaanii ol’aanaa ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni adeemsa filannichaa keessatti hirmaannaa ho’aa akka ta’u dandeessisuurratti xiyyeeffatanii hojjachaa akka turan eeranii, tattaaffii isaanii kana cimsuun itti fufuu akka qabanis dubbataniiru.

Gama biraatiin, itti aanaan Daarektera Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa obbo Gizawuu Tasfaayee, miidiyaaleen gabaasa filannoo ilaalchisee hojjatan seera hordofanii hojjachaa jiraachuu isaanii hordofamaa akka jiru ibsaniiru.


Miidiyaaleen kakaasii fi yeroo beeksisa bilisaa paartilee siyaasaatiif ramadame fayyadamuu irratti rakkoon akka hin uumamne dubbataniiru.

Miidiyaaleen yeroo filannootti ijaarsa nageenyaa irratti akka xiyyeeffatan abbaan taayitichaa hojjachaa akka turee fi cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.

Yeroo filannootti naamusni eegamuu qabu akka kabajamu; hojiiwwan hojjatamaa jiranii fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf hojiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu hojjatameera jedhaniiru.

Miidiyaaleen sagantaa Boordiin Filannoo Biyaalessaa baase bu’uura godhachuun gabaasaalee adda addaa filannoo ilaalchisan uummataaf dhaqqabamaa gochaa turuu isaanii eeranii, kanaanis ijaarsa sirna dimokiraasiitiif gahee isaanii ba’achaa turaniiru jedhaniiru.


Xumura irratti, hirmaattota paanalichaa irraa gahee miidiyaalee fi dhaabbilee hawaasa siivikii yeroo filannoo ilaalchisee yaadonnii fi gaaffileen kan ka'an yoo ta'u, mariisistootaan deebii fi ibsi irratti kennameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015