Pirojektoota misoomaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessan bu’uura kaa’uun cimee itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoota misoomaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessan bu’uura kaa’uun cimee itti fufa
Caamsaa 12/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa bu’uura fayyadamummaa lammiilee kaa’uuf tattaaffii taasisaa jiru itti fufa jedhan Hogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Damee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Paartii Badhaadhinaa obbo Namarraa Bulii.
Duulli filannoo paartichaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Haluutti bakka hooggantoonni naannoo fi godinaa argamaniiru gaggeeffameera.
Duula filannoo kanarratti hirmaattotaaf haasawa kan taasisan Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Namarraa Bulii, Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti pirojektoota fayyadamummaa lammiilee fi guddina biyyaa mirkaneessu caalaatti cimsuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru.
Paartichi pirojektoota misooma magaalaa fi baadiyyaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessu raawwachuudhaan gama bulchiinsaatiin hawaasa walitti dhiyeenyaa fi haqaan tajaajiluuf ciminaan kan hojjatu ta’uu ibsaniiru.
Itti dabaluunis lammiileen hiyyummaa jalaa bilisa ta’anii jireenya fooyya’aa akka jiraataniifi nageenyi waliigalaa isaanii akka mirkanaa’uuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Lammiilee aadaa hojii isaanii naannicha keessatti fooyyessanii fi fayyadamummaa ofii fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf kutannoo qaban oomishuun biyyi keenya mallattoo badhaadhina akka taatu ciminaan hojjachuu itti fufa jechuun ibsaniiru obbo Namarraan.
Bulchaan Olaanaan Godina Iluu Abbaa Booraa obbo Indaalkachoo Tafarii akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti hojiiwwan bal’aa Godinicha keessatti hojjetee fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessu cimsee itti fufa jedhaniiru.
Akkasumas, yaada ida’amuutiin qajeelfamuun guddinaa fi badhaadhina Godinichaa mirkaneessuuf hojii isaa cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Sagantaan sagalee kennuu filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 akka gaggeeffamu beekamaadha.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA