Jilli kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen durfamu pirojektii misooma magaalaa qindaawaa Azarbaajaan daawwate - ENA Afaan Oromoo
Jilli kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen durfamu pirojektii misooma magaalaa qindaawaa Azarbaajaan daawwate
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Jilli kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen durfamu pirojektii misooma magaalaa qindaawaa Azarbaajaan daawwateera.
Kantiibaan kun ergaa isaanii kanaan guddina olaanaa yeroo ammaa magaalittiin argatte cinatti hojiiwwan haaromsa magaalaa cimsitee itti fufteetti jechuun ibsaniiru.
Tarsiimoo gandoota dullooman haaromsuu fi naannoo kanaan dura itti hin fayyadamne irra deebi’anii misoomsuu hordofaa akka jiru agarsiisaniiru.
Misooma itti fufuun gandoota isaanii bara dheeraa tajaajilan haaromsaa jiraachuu kan ibsan Aadde Adaanech, pirojektoota akka ‘Sea Breeze’ jedhaman bocuun bakkeewwan kanaan dura misoomaaf hin oolchiin irratti karoora waggoota 16 keessatti manneen Kuma 50, hoteelotaafi misooma biroo hojjechaa jiraachuus daawwannaa isaaniin taajjabuu ibsaniiru.
Finfinneetti waggaa waggaan manneen kuma 100 fi misoomni kanaan walqabatan ijaaruuf karoorfamee, carraaqqii guddaadhaan hojjetamaa jira jedhan.
Bakkeewwan yeroo dheeraa tajaajiluun haaromsa barbaadan haaromsuun wal qabatee kanneen akka pirojektii Caakkaa,Galaan Gurraa,Ganda Mahaammadiyyaa, Addis Tumooroofi kanneen biroo misoomaan hanga akka haaraatti ijaaramuun magaalaa biroo fakkaatanitti hojjetamuu kan eeran Aadde Adaanech, iddoowwan hawwata turizimii haaraan, rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa salphiisuuf haalli itti deemame murteessaa tahuufi gara fuulduraas cimee akka itti fufu himaniiru.
Hojiin misooma mana jireenyaa fi haaromsa magaalaa bal’aan kun irra caalaa rakkoo mana jireenyaa salphisuu fi magaalattiin bakka hawwata turistii taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu kantiibaan kun ibsaniiru.
Ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame akka ibsutti saffiisaafi qulqullinaan hojjechuun Finfinnee maqaa ishee fakkaattuuf imalli eegalame cimee itti fufuun dorgomtummaan akka idil addunyaatti magaalattiin qabdu akka galma gahuu ni hojjennaa jedhaniiru aadde Adaanech Abeebeen.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA