Tamsaasa Kallatti:

Hubannoo waloo lammiilee dantaa biyyaalessaa irratti qaban cimsuu keessatti gaheen miidiyaa guddaadha

Caamsaa 12/2018 (ENA): Miidiyaan hubannoo waloo lammiileen Itiyoophiyaa dantaa biyyaalessaa irratti qaban cimsuuf ga’ee olaanaa qaba jedhan De’eetaan Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Tasfaahun Gobazaayi.

Waltajjiin ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa mata duree “Gahee Miidiyaa Milkaa’ina Filannoo Dimokiraatawaaf” jedhuun qopheessan magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin kun filannoo dimokiraatawaa fi haqa qabeessa gaggeessuun itti gaafatamummaa waloo qooda fudhattoota hundaa ta’uu ibsuuf kan qophaa’edha.


 

Waltajjicharratti Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, Innaataalam Mallas, De’eetaan Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, Tasfaahun Gobazaay, Hojii Gaggeessaa Olaanaa ENA Sayifee Darribee, Itti aanaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, hoggantoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaa, hoggantoonni miidiyaa fi gaazexeessitoonni argamaniiru.

Obbo Tasfaahuun Gobazay, Gaazexeessitoonni Filannoo waliigalaa 7ffaa yeroo gabaasa dhiyeessan karaa dantaa biyyaalessaa itti eegan ta’uu isaa haala mirkaneessu danda’uun hojjechuu akka qaban dubbataniiru.


 

Hojii gaggeessaan ENA obbo Sayifee Darribee akka jedhanitti, filannoo kana ilaalchisee hojiiwwan walfakkaatan qooda fudhattoota waliin ta’uun hojiin hojjetamu cimanii itti fufu jedhaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015