Tamsaasa Kallatti:

Filannoo Waliigalaa 7ffaatiin haalli mijataan hirmaannaa Siyaasaa Hawaasa hundaa uumuun danda'ameera

Caamsaa12/2018(ENA) : Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan hirmaannaa siyaasaa kutaa hawaasa hundaatiif haala mijeessu uumuun akka danda'ame Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiise.

Akka sagantaa boordii filannoo biyaalessaa Itiyoophiyaatti, filannoo waliigalaa Caamsaa 24/2018 sagaleen kan itti kennamu jedhamu kanaaf guyyoonni muraasni qofti hafaniiru.

Galmeen filattootaa filannoo waliigalaa baranaa boqonnaawwan adda addaatiin dheerachuun gaggeefamaa turuun, Guraandhala 28 hanga Ebla 24/2018tti gaggeeffamee xumurameera.

Filattoonnis tooftaa dijitaalaatiin appilikeeshinii "mircaayee" jedhamuu fi buufataalee filannootitti qaamaan argamuun, lammiileen miiliyoona 50 fi kumni 514 ol ta'an kaardii filannoo isaanii fudhatanii jiru.

Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaan paartileen morkattootaa 47 ta'an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934 galmeessisuun, miidiyaalee adda addaatiin yaada imaammata isaanii uummataaf beeksisaa jiru.

Boordii Filannoo Biyaalessaa irraa beekamtii kan argatan dhaabbileen biyya keessaa 55 naannoolee adda addaatti bakka bu'oota kuma 60 fi 277 ol bobbaasaniiru.

Barnoota filattootaa irratti dhaabbileen siivikii beekamtii argatan 169 uummata filatuuf leenjii fi hubannoo uumuu kennaa jiru.

De’eetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Huuriyaa Alii ENA’f akka ibsanitti; adeemsa filannoo kanaan hirmaannaa siyaasaa dubartootaa, dargaggootaa fi namoota qaama miidhamtootaa mirkaneessuuf haalli mijataan uumameera.

Filannoo waliigalaa baranaatiif lakkoofsi uummataa ol’aanaan galmaa’uun isaa, hirmaannaa lammiilee guddisuu keessatti dhimma biyyaalessaa dandeessisu uumamuu isaa akka agarsiisu ibsaniiru.

Adeemsa filannichaa dimokiraatawaa fi nageenyasaa eegsisuuf filannoowwan adda addaatiin hojiin uummata dammaqsuu fi hubannoo uumuu hojjetamuu isaa kaasaniiru.

Fakkeenyaaf, buufatni filannoo namoota qaama miidhamtootaaf mijataa akka ta'uu fi hirmaannaa si'aawaa qoodamtoota hawaasa hundaatiif hojiin hojjetameera jedhan.

Fuuldurattis filannichaa bilisa, dimokiraatawaa fi haqa-qabeessa gochuuf hirmaannaan ho’aa taasisuun akka isaanirraa eegamu kaasaniiru.

Kutaan hawaasaa haalota adda addaa keessa kan jiranis filannicha irratti akka hirmaataniif haalli mijateera.

Lammiileenis kaardii filannoo fudhatan bu'uura godhachuun paartii siyaasaa biyyaaf fayyada jedhaniif sagalee kennuun hirmaannaa siyaasaa ho’aa gochuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015