Adeemsota murteesoo biyyaa kanneen akka filannoorratti qoodni miidiyaalee olaanaadha – Ministira Innaatalam Mallas - ENA Afaan Oromoo
Adeemsota murteesoo biyyaa kanneen akka filannoorratti qoodni miidiyaalee olaanaadha – Ministira Innaatalam Mallas
Caamsaa 12/2018(ENA) : Adeemsota biyyaalessaa murteessoo kanneen akka filannoo keessatti gaheen miidiyaalee baay'ee ol'aanaa ta'uu Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas ibsan.
Waltajjii marii ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa waliin ta'uun mata duree “Milkaa'ina Filannoo Dimokiraatawaatiif gahee Miidiyaalee” jedhuun qophaa'e magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira.
Waltajjiin kun filannoo dimokiraatawaa fi haqa qabeessa ta'e gaggeessuun itti gaafatamummaa waliinii qooda fudhattoota hundaa ta'uu hubachiisuuf kan qophaa'e dha.
Marii kanarratti Ministira Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaay, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, itti aanaa dariktara Abbaa Taayitaa Dhaabbilee hawaasa siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, gaggeessitoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaalee,hoggantoonni miidiyaalee fi gaazexeessitoonni hirmaataniiru.
Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas waltajjicharratti haasaa taasisaniin, adeemsota biyyaalessaa murteessoo akka filannoo keessatti gaheen miidiyaalee baay'ee ol'aanaadha jedhaniiru.
Miidiyaaleen waliigaltee biyyaalessaa uumuu, dammaqinsa siyaasaa lammiilee guddisuu fi sirni itti-gaafatamummaa qabu akka uumamu gochuu keessatti dandeettii guddaa qabu jedhaniiru.
Kana malees, ijaarsa biyyaa keessatti, uummata beksisuu fi hojiif kakaasuu keessatti gahee bakka bu'uu hin qabne akka qaban eeranii, keessattuu adeemsota biyyaalessaa murteessoo akka filannoo keessatti gaheen miidiyaalee baay'ee ol'aanaa ta'uu ibsaniiru.
Adeemsa filannichaa iftoomina fi itti-gaafatamummaa qabuun hordofuu fi gabaasuun, nagaa, dimokraatawaa, hirmaachisaa fi amanamamaa ta'ee akka xumuramuuf itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Guyyoota filannoof hafan keessattis miidiyaaleen hojii isaanii kana cimsanii akka itti fufan dhaamaniiru.
Gama biraatiin, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan uummata qopheessuu keessatti hojiileen hedduun hojjetamaa turuu dubbataniiru.
Waltajjiin kunis qaama hojii kanaa ta'uu eeranii, cimee kan itti fufu ta'us ibsaniiru.