Tamsaasa Kallatti:

Waltajjiin marii milkaa'ina filannoo dimokiraatawaaf qooda Miidiyaalee irratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira

Caamsaa 12/2018(ENA): Waltajjiin marii mata duree “Milkaa'ina Filannoo dimokiraatawaatiif gahee Miidiyaalee” jedhuun qophaa'e magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira.

Marii kana ENA fi Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa waliin ta'uun qopheessaniiru.

Marii kanarratti Ministira Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaay, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, itti aanaa dariktara Abbaa Taayitaa Dhaabbilee hawaasa siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, gaggeessitoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaalee, hoggantoonni miidiyaalee fi gaazexeessitoonni hirmaataniiru.

Waltajjiin kun filannoo dimokiraatawaa fi haqa qabeessa ta'e gaggeessuun itti gaafatamummaa waliinii qooda fudhattoota hundaa ta'uu hubachiisuuf kan qophaa'edha.

Adeemsa kana keessattis gaheen miidiyaalee fi dhaabbilee hawaasa siivilii baay'ee murteessaa ta'uun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015