Komishiniin Gumuruukaa Tekinoolojiiwwan haaraatti fayyadamuun daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu keessatti gahee ol’aana bahachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Komishiniin Gumuruukaa Tekinoolojiiwwan haaraatti fayyadamuun daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu keessatti gahee ol’aana bahachaa jira
Caamsaa 11/2018(ENA): Komishiniin Gumruukaa daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu, akkasumas sassaabbii galii kan jal'isan tekonoolojiiwwa sanadoota sobaa to'achuu dandeessisan fayyadamuun ijaarsa dhaabbataa keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiru Komishineerri Komishinichaa Doktar Dabalee Qaabataa ibsaniiru.
Akkaataa Labsii Lakk. 1097/2011 aangoo fi hojii raawwachiiftota mootummaa Federaalaa murteessuuf baheerratti hunda’uun, Komishiniin Gumuruukaa Itiyoophiyaa akka hundaa’u taassifameera.
Kanaanis, jijjiirrama biyyaalessaa hordofuun jijjiirrama caaseffama dhaabbataa gochuun, daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu; akkasumas sassaabbii galii guddisuu kan dandeessisu caasaa uumeera.
Komishineerri Komishinii Gumuruukaa Dr. Dabalee Qaabataa ENA’f akka ibsanitti, ergama ijoo dhaabbatichaaf labsichaan kenname keessaa tokko meeshaalee galanii fi bahanirratti taaksii shallaguun galii sassaabuudha.
Jijjiirrama biyyaalessaa hordofuun caasaa dhaabbatichaa taasifameen, daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu kan dandeessisan hammattoowwan seeraa ifa ta'an qophaa'aniiru jedhan.
Itiyoophiyaa keessatti riiformiin dura bara bajataa 2011'tti galiin walitti qabame biliyoona 78.5 qofa akka ture ibsanii, bara bajataa qabame kana keessa garuu ji'oota kurnan qofatti waan karoorfamee ol qarshii biliyoona 600.23 ol galiin waligalaa walitti qabameera jedhan.
Jijjiirramichi tekinoolojiiwwan haaraatti fayyadamuun, seera fooyyessuunii fi hojmaata ammayyeessuun galii walitti qabuu, akkasumas dandeettii daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu kan dandeessisu uumuu isaa ibsaniiru.
Komishinichi meeshaaleen balaarraa eegamanii, nageenyisanii eegamee bakka qaqqabumsaa isaanii akka gahaan kan taassisu tekinoolojii hordoffii kaargoo elektirooniksii hojiirra oolcheera jedhan.
Tekinoolojiin kun meeshaaleen Itiyoophiyaan gara alaatti ergitu karaarratti akka hin turree, jalaa hin hatamnee fi rakkooleen biroon akka hin uumamne to'achuuf kan dandeessisudha.
Tekinoolojiin deeggaramee sirna to'annoo daangaa walitti qindaa'e diriirsuun, sochii kaargoo giddugala ta'anii to'achuun kan danda'amu carraan akkasii uumamuu ibsaniiru.
Kana malees, sochii imaltoota tajaajilamtootaa to'achuun sochii seeraan alaa ittisuu fi to'achuun kan dandeessisu tekinoolojiin hojiirra ooluu isaa ibsaniiru.
Komishinichi carraawwan gaarii riifoormichi uumetti fayyadamuun tajaajila ammayyaa fi qulqullina qabu kennuudhaan, Itiyoophiyaa keessatti ijaarsa dhaabbataa keessatti adda duree ta'uu isaa dubbataniiru.
Tekinoolojiiwwan hedduun hojiirra ooluu isaanii ibsuun, hojmaata maanuwaalii (harkaan hojjetamu) dhabamsiisuun oomishtoota, galchitootaa fi Al-ergitootaaf tajaajila ariifataa kennaa jiraachuu eeraniiru.
Tajaajiloota onlaayinii kennuun yeroo fi humna tajaajilamtootaa akka qusatu kan ibsan Komishineerichi, tekinoolojiiwwan kun daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu akkasumas sanadoota sobaa galii walitti qabamu jal'isan to'achuuf akka dandeessisan ibsaniiru.
Kunis, hojmaata maanuwaalii hambisuun bulchiinsa badaa hanbisuudhaan komishinichi ergama isaa dandeettii guutuun akka bahatu akka dandeessise dubbataniiru.