Giddugalichi sanyiiwwan fooyya'oo qorannoon argate 12 gadi lakkise. - ENA Afaan Oromoo
Giddugalichi sanyiiwwan fooyya'oo qorannoon argate 12 gadi lakkise.
Caamsaa 11/2018(ENA): Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa sanyiiwwan fooyya’aa qorannoon argate 12 gadi lakkisuu ibse.
Sanyiiwwan kunneen dhibee dandamachuun cinaatti sanyiiwwan walfakkaataa duraan turan oomishtummaa dhibbentaa 14 hanga 33tti caalmaa kan qaban ta'uunis ibsameera.
Daarektarri Giddugalichaa obbo Geetaachoo Asaffaa ENAtti akka himanitti, giddugalichi hojii wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru qorannoon cimsaa jiraachuu himani.
Keessumaa waggoottan darban keessatti qamadii fi garbuu dabalatee dameewwan xiyyeeffannoo biroo saddeet irratti qorannoo gaggeessuun bu’aawwan qorannoo 116 fayyadamtootaaf qaqqabsiisuus yaadachiisaniiru.
Bara baajataa 2018ttis sanyiiwwan fooyya'aa 12 waggoota jahan darban keessatti qorannoo jala turan fayyadamtootaaf gadi lakkisuu ibsaniiru.
Sanyiiwwan gadi lakkifaman keessaa: sanyiiwwan boloqqee 4, sanyiiwwan maashoo 2,
mosee 2, akkasumas sanyiiwwan ataraa, baaqilaa, Garbuu akaayyii fi Missiraa keessatti argamu jedhaniiru.
Sanyiiwwan kunneen dhibee dandamachuu irratti sanyiiwwan duraan turan caalaa fooyya’oo ta’uu isaanii bira darbee oomisha irratti dhibbeentaa 14 hanga 33tti caalmaa akka qabanis himaniiru.
Sanyiiwwan kunneen koree mirkaneessa sanyii biyyaalessaatiin beekkamtii erga argataniin booda fayyadamtootaaf gadi lakkifamuu himani.
Giddugalichatti dursaa garee fi qorataan qorannoo midhaanii obbo Taaddalaa Taaddasaa gama isaaniitiin, sanyiiwwan haaraa gadi lakkifaman keessaa boloqqeen heektaaraan jiddugaleessaan kuntaala 19 hanga 26, sanyiiwwan mosee ammoo oomisha kuntaala 500 hanga 531 kennuu akka danda’an dirree qorannoo irratti mirkanaa’uu isaa dubbataniiru.
Sanyiiwwan kunneen aanota gammoojjii godina Baalee fi badda-daree akkasumas naannoolee biyyaa biroo haala qilleensaa walfakkaataa qaban keessatti kan misooman ta’uus dubbataniiru.
Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa bara 1978 erga hundaa'ee irraa jalqabee hanga ammaatti bu'aalee qorannoo midhaanii, buna, midhaan dheedhii fi nyaata beeyladaa irratti xiyyeeffatan 128 fayyadamtoota biraan gahuu ragaan giddugalicha irraa argame ni mul’isa.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA