Dorgommii Roobootiksii Idil- Addunyaa guddattoonni Itiyoophiyaanonni Injifatan - ENA Afaan Oromoo
Dorgommii Roobootiksii Idil- Addunyaa guddattoonni Itiyoophiyaanonni Injifatan
Caamsaa 11/2018(ENA) : Jilli guddattoota Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence) Idil-addunyaa irratti hirmaachuun, damee badhaasa filannoo uummataatiin 1ffaa ba'uun xumureera.
Dorgommii Roobootiksii fi hubannoo nam-tolchee Idil-addunyaa dargaggootaa "Robofest 2026" Yuunivarsiitii Teekinoolojii Loowuraansii (Lawrence Technological University) Miichigaan, Ameerikaatti gaggeeffame irratti dorgomtoonni Itiyoophiyaa injifannoo boonsaa galmeessisaniiru.
Dorgommii barana gaggeeffame kanaan (Robofest 2026 International Championships), guddattoonni Itiyoophiyaa gareewwan 738 biyyoota teeknoolojiidhaan guddatan 39 irraa walitti babba'an waliin dorgomuudhaan dameewwan garaa garaatiin injifachuu danda'aniiru.
Dorgommii kanaan damee badhaasa filannoo uummataatiin guddattoonni Itiyoophiyaa dursuun yoo injifatan, damee roobootiksii yaalii fayyaatiin (Medical Robotics) 5ffaa, akkasumas damee agarsiisa kalaqaa fi yaada haaraatiin (Innovation) ammoo sadarkaa 6ffaa qabachuun xumuraniiru.
Ji'a tokko dura dorgommii Roobootiksii 'Mino’an' Idil-addunyaa Giriikitti gaggeeffame irratti guddattoonni Itiyoophiyaa sadarkaa 2ffaa argachuun maqaa biyya isaanii waamsisuun isaanii ni yaadatama.