Tamsaasa Kallatti:

Aadde Adaanech Abeebeen Azerbaajaanitti Tajaajila Giddugala tokkoo diijitaalaa Asaan daawwatan

Caamsaa 11/2018 (ENA) : Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Fooramii Magaalota Addunyaa cinaatti Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo Azarbaajaan daawwataniiru.

Aadde Adaanech Abeebeefi jilli Itiyoophiyaa kun Waltajjii Magaalota Addunyaa cinaatti Tajaajila Dijitaalaa Dhaabbata Tokkoo “ASAN” (Azerbaijan Service and Assessment Network) kan Azarbaajaan daawwate ta’uu hubachiisaniiru.


 

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, nutis hanga ammaatti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob’n jijjiirama olaanaa fidnus, dhimmoota muuxannoo nuuf ta’uu danda’an irratti mari’anneerra jedhan.

Kantiibaan magaalattii ergaa dabarsan keessatti Itiyoophiyaan tajaajila dijiitaalaa bakka tokkotti hojiirra oolchuurratti guddina olaanaa galmeessitus ammas dhimmoonni fooyya’uu qaban akka jiran ibsaniiru.

ASAN kan waggoota 14 dura jalqabamee fi guyyaatti appilikeeshinii kuma 40 irratti tajaajila ariifachiisaa kan kennu yoo ta’u, awutoobisii socho’aadhaan haga baadiyyaa tajaajila ariifataa fi salphaa ta’ee kennaa jiraachuus himan.

Itiyoophiyaattis giddugaloonni 41 ol ijaaramuun hojii eegaluu yaadachiisanii, kanneen keessaa giddugaloonni 6 fi Tajaajilli giddugala tokkoo Awutoobisii diijitaalaa 1 Finfinneetti tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Hojjettoonni Asaan fuula ifaafi naamuusaan tajaajila kan kennan ta’uu eeraniiru.

Dargaggoota tola ooltota kutannoofi kabaja olaanaan uummata isaanii tajaajilan hedduus arguu ibsaniiru.

Biirookiraasiin keenyas akkaataa eegalleen guutummaatti akka jijjiiramu ni amanna; akka milkaa’uufis ciminaan ni hojjenna jedhaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015