Tamsaasa Kallatti:

Paartii Misoomaafi guddina fidu filachuuf qophoofneerra – Jiraattota Godina Wallagga Lixaa

Caamsaa11/2018(ENA): Filannoo walii-galaa kanaan paartii biyya ceessisuu fi uummataaf misoomaa fi guddina fidu filachuuf qophaa'uu isaanii jiraattonni Godina Wallagga Lixaa ibsan.

Jiraattota Godinichaa ENA’n dubbise paartii imala misoomaa fi guddina isaaniif ariifachiisu filachuuf guyyaa sagalee kennan hawwiin eeggachaa jiraachuusaanii ibsaniiru.

Jiraataan Aanaa Laaloo Asaabii obbo Abbabaa Ittafaa yaada kennaniin, paartii misooma ariifachiisuun guddina hunda-galeessa lammiileef fidu filachuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru.

Gama biraatiin, jiraataan Aanaa Beegii obbo Isihaaq Abdulqaadir, gamasaaniin duula filannoo paartiilee siyaasaa miidiyaalee garaa garaa irratti dhihaachaa jiru hordofaa akka jiran dubbataniiru.

Haalli dhiheenya akkasii kun uummanni filatu paartiin kam yaada fooyya'aa qabatee akka dhihaate salphaatti akka hubatuu fi paartii caalu filachuuf haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru.

Jiraataan Magaalaa Gimbii obbo Taaddasaa Takkaallinyi immoo, paartii guddina hunda-galeessa biyyaatiif fiduuf hojjetu filachuuf hawwiin eeggachaa akka jiran ibsaniiru.

Guyyaa filannoon itti gaggeeffamu adeemsichi guutummaatti nagaa fi milkaa'aa akka ta'uuf, nageenya naannoo isaanii eeguun itti-gaafatamummaa lammummaa isaanii akka ba'an mirkaneessaniiru.

Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyoolessaatti, filannoon walii-galaa marsaa 7ffaa lammiileen sagalee itti kennu jedhamee eegamu Caamsaa 24/2018 gaggeeffamuuf guyyoonni 13 qofti akka hafan ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015