Tamsaasa Kallatti:

Mul'ata biyyaalessaa "Dijitaala Itiyoophiyaa 2030" galmaan ga'uuf hojiileen hojjetamaa jiran daran cimuu qabu

Caamsaa 11/2018 (ENA): Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Pabliik Sarviisii Itiyoophiyaa Doktar Nigus Taaddasaan akka himanitti, hojiiwwan mul'ata biyyaalessaa "Dijitaala Itiyoophiyaa 2030" galmaan ga'uuf dandeettii dijitaalaayizeeshinii dhaabbilee mootummaa guddisuun cimee itti fufa jedhan.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 bara bajataa kanatti ifoomsuun isaanii ni beekama.

Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 daldala ammayyeessuun qaqqabummaa tajaajilaa babal’isuu irratti argama.

Tarsiimoon kun guddina dinagdee itti fufiinsa qabu tilmaamuun alatti, hammatamummaa maallaqaa kan mirkaneessu, dargaggootaaf carraa hojii bal’aa kan uumu yoo ta’u, hojii mootummaa sirreessuudhaan jireenya lammiilee salphisa.

Dhaabbileen barnoota olaanoo Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf gahee olaanaa kan qaban yoo ta’u, madda beekumsaa, dandeettii, kalaqaa fi imaammata ta’uun socho’uutu irraa eegama jedhani.

Turtii ENA waliin taasisaniin Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Paablik Sarvisii Itiyoophiyaa Dr. Nigus Taaddasaan Itiyoophiyaan dorgomtummaa addunyaa ishee daran guddisuuf karaa dijitaalaayizeeshiniin of humneessuuf carraaqqii gochaa jirti jedhan.

Kun akka ta’uuf gaheen dhaabbilee barnoota olaanoo baay’ee barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Hojii dhaabbilee mootummaa ammayyeessuun kenniinsa tajaajilaa sirreessuun ergama biyyaalessaa dhaabbilee barnoota olaanoof kennamu keessaa isa jalqabaa ta’uu ibsuun, kana galmaan ga’uuf ammoo dijitaalaayizeeshiniin furmaata guutuu ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichi guddina hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf tarsiimoo dijitaalaa hojiirra oolaa jiru galmaan ga’uuf dandeettii dhaabbilee mootummaa fi teeknooloojii ijaaruuf hojiiwwan hedduu gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanneen keessaa sirni keessoo fi sirni kenniinsa leenjii yunivarsiitichaa guutummaatti teeknooloojiin deeggaramaa akka jiruu fi dhaabbileen mootummaa tajaajila dijitaalaa akka kennan dandeettii uumuuf kolleejjii addaa gurmaa’aa jiraachuu eeraniiru.

Barsiisota gahumsaa fi dorgomaa ta’an damee kanarratti qaban oomishuuf hojiin bal’inaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Dhaabbileen mootummaa hojii isaanii bu’a qabeessa ta’een akka raawwataniif sagantaalee leenjii haaraa damee dijitaalaa waliin walqabatan banuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Fakkeenyaaf, kutaa Bu’uuraalee ‘IT’ fi Nageenya Saayibarii banuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajilli dijitaalaa dhaabbilee mootummaa keessatti hojiirra ooluu fi humna namaa gahumsa qabu damee kana keessatti oomishuuf yoo danda’ame sirna mootummaa ammayyeessuun qofa osoo hin taane hojii badaa fi malaammaltummaa dhaabbataadhaan dhabamsiisuuf carraa guddaa akka uumu hubachiisaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015