Naannoo Affaar aanaalee adda addaatti Pirojektoonni misooma bishaan dhugaatii fi jallisii keessatti ijaaraman eebbifamani - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Affaar aanaalee adda addaatti Pirojektoonni misooma bishaan dhugaatii fi jallisii keessatti ijaaraman eebbifamani
Caamsaa 11/2018 (ENA): Naannoo Affaari aanaalee adda addaatti Pirojektoonni misooma bishaan dhugaatii fi jallisii keessatti ijaaraman eebbifamani.
Pirojektoota kana kan eebbisanii kan jalqabsiisan pireesidaantii bulchiinsa mootummaa Naannoo Affaar obbo Awal Arbaa, Ministira Jallisii fi naannolee gammoojjii Dr. Abrahaam Balaay dha.
Pirojektoonni eebbifaman kun rakkoo bishaan dhugaatii kanaan dura jiraattota mudachaa ture dhaabbataadhaan kan furan ta’uun ibsameera.
Rakkoo horsiisee bultoonni bishaan argachuuf naannoo fagoo deemuun mudatu akka dhabamsiisus himameera.
Pirojektiin jallisii kun horsiisee bultoonnii fi qonnaan bultoonni naannichaa lafa bal’aa naannoo sana jiru misoomsuun oomishtummaa akka qabaatan kan taasisu ta’uus ibsameera.