Tamsaasa Kallatti:

Rakkoo gaanfa Afriikaa mudatu darbuuf aadaa Marii cimsuun barbaachisaadha

Caamsaa10/2018(ENA): Gufuuwwan Gaanfa Afriikaatti mudatan ce’uuf, marii hunda hammatee cimsuurratti xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta'uusaa barreessaa olaanaan Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo ibsan.

Waltajjiin nageenyaa fi tasgabbii Riijinichaarratti xiyyeeffate Naannoo Somaalee magaalaa, Jigjigaatti geggeeffamaa jira.

Fooramichi mataduree "Dhaabbilee naannichaa cimsuu nageenya itti-fufiinsa qabu gaanfa Afriikaa mirkaneessuuf" jedhuun geggeeffamaa jira.


Barreessaan Olaanaan Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo waltajjicharratti akka ibsanitti, qormaatilee Gaanfa Afriikaatti mudatan injifachuuf marii hunda hirmaachiseef dursa kennuu fi gamtaa naannichaa cimsuun murteessaa ta'uu ibsaniiru.

Milkaa’innii fi carraan biyyoota naannichaa walitti hidhata kan qabu ta'uu kan ibsan barreessaan olaanaan kun, hayyoota waliin ta'uun dhimmoota murteessoo ta'anirratti mari’achuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Rakkooleen Gaanfa Afriikaa furmaata argachuu kan danda'an qindoomina biyyoota naannichaan qofa ta'uu ibsuun, Itiyoophiyaa, Somaaliyaa, Keeniyaa, Jibuutii fi biyyoota biroo kan hammate marii gaggeessuun dhimmoota waliinii irratti wal-amantaa uumuun dhimma barbaachisaadha jedhaniiru.

Dr. Warqinaa Gabayyaoo qunnamtii jabaa fi hirmaachisummaa riijinii cimsuun rakkoolee nageenyaa mudatan furuuf murteessaa ta'uusaas ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015