Ijaarsa warshaa anniisaa niwukilaraaf bakka mijaawaa ta’e ada baasu irratti hojiin qorannoo jalqabameera - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa warshaa anniisaa niwukilaraaf bakka mijaawaa ta’e ada baasu irratti hojiin qorannoo jalqabameera
Caamsaa 10/2018 (ENA): Komishiniin Inarjii Niwukilaraa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa keessatti warshaa anniisaa niwukilaraa ijaaruuf iddoo mijatu irratti hojiin qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera.
Komishinichi Ejensii Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) waliin ta’uun, ijaarsa warshaa anniisaa niwukilaraa irratti barbaachisummaa fi ulaagaalee dursaa irratti xiyyeeffate qorannoo isaa (workshop) gaggeessaa jira.
Qorannoo (Workshop) guyyoota afuriif gaggeeffamu kana irratti ogeeyyii fi qooda fudhattoonni damichaa hirmaachaa jiru.
Akka Itti aanaan Komishinara Komishinii Inarjii Niwukilaraa Itiyoophiyaa obbo Shifarraa Taliilaa jedhanitti, Itiyoophiyaa keessatti misoomni damee hundaan itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf dhiyeessiin humnaa amanamaa fi itti fufiinsa qabu murteessaadha.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa waggaatti humna sa’aatii teeraawaat (TWh) 40 akka barbaaddu Itti aanaan Komishinarichaa ibsaniiru;.Kanaanis waggoota kurnan dhufan keessatti fedhiin humnaa gara sa’aatii teerawaati 77tti ol guddata.
Babal’inni indaastiriiwwan, bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa fi guddinni damee tajaajilaa biyyattii dhiyeessii anniisaa olaanaa akka barbaadu hubachiisaniiru.
Fedhii anniisaa humna niwukilaraa irraa argamu kana gartokkoon uwwisuuf karoorri hojjetamaa jira jedhan.
Komishinichi Akkaadaamii Saayinsii Itiyoophiyaa waliin ta’uun iddoo ijaarsa warshaa anniisaa niwukilaraatiif mijatu adda baasuuf qorannoo gaggeessaa akka jiru ibsameera.
Obbo Shifarraan qorannoon kun yeroo ammaa xumuramaa akka jiru ibsuun, ijaarsa kanaaf bakka sirrii ta’e filachuuf qorannoon bal’aan dabalataa ni gaggeeffama jedhan.
Workshopiin adeemsifamaa jiru ulaagaalee fi hojimaata filannoo iddoo barbaachisoo ta’an irratti galtee faayidaa qabu argachuuf kan gargaaru ta’uus hubachiisaniiru.
Itti dabaluunis damicha keessatti dandeettii namoomaa ijaaruu fi bu’uuraalee seeraa barbaachisoo ta’an hojiirra oolchuuf hojiin qophii hojjetamaa jira jedhan.
Ejensii Annisaa Atoomikii Idil-addunyaatti Ogeessi Olaanaa Nageenya Niwukilaraa Mikaa’el Saalmoon gama isaaniin akka himanitti; Itiyoophiyaan humna niwukilaraa guddina ishee saffisiisuuf hojjechuuf hojiin eegalte kan dinqisiifatamu dha jedhani.
Karoora ijaarsa anniisaa niwukilaraa Itiyoophiyaa milkeessuuf ejensichi deeggarsa teeknikaa fi ogummaa barbaachisu taasisuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.