Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaa uumamaa waldhaanaa akka jiru Haroon Hara Mayaa agarsiiftuudha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Caamsaa 10/2018 (ENA)- Haroon Hara Mayaa deebi’ee bayyanachuunsaa sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaa uumamaa wal’aanaa jiraachuusaaf agarsiiftuu akka ta’e  itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin, Haroon Hara Mayaa deebi’ee bayyanachuunsaa bu’aawwan ashaaraan magariisaa buuse keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Haroon Hara Mayaa bara 1996 guutummaatti gogee kan ture yoo ta’u tattaaffii ashaaraa magariisaa fi eegumsa qabeenya uumamaatiin har’a bakka turetti deebi’uusaa ibsaniiru.

Milkaa’inni kun Ashaaraa magariisaa qaamolee bishaanii Itiyoophiyaa fi misooma sululaaf inisheetiivii ijoo qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu itti aanaan ministira muummee dubbataniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaa uumamaa wal’aanaa akka jiru Haroon Hara Mayaa agarsiiftuudha jedhaniiru.

Itti fufuunis bu’aan argame kun yaadama ida’amuutiin misooma mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dhiibbaa uumamaa damdamachuu fi madaqsuun akka danda’amu kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Itti aanaan ministira muummee ergaa xumuraa dabarsaniin bakkicha wayita gahan simannaa taasifameefiif galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015