Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misooma sululaa raawwatameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misooma sululaa raawwatameera
Caamsaa10/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti waktii Bonaa bara kanaan Lafa hektaara Miiliyoona 2tuqaa 7 irratti hojiin misooma suluulaa hojjetamuusaa Biiroon Qonna Naannichaa beeksiseera.
Biirichatti Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa, Obbo Katamaa Abdiisaa, ENA’f akka ibsanitti, naannichatti hojiiwwan misooma sululaa waggoottan darban raawwatamaniin lafti duwwaatti hafee ture deebi'ee dandamateera.
Kanaanis omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuurrattis bu'aan jajjabeessaan akka galmaa'es dubbataniiru.
Muuxannoo kanaan dura argame kana caalaatti cimsuun, bona bara kanaa lafa heektara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misoomaa kun gaggeeffamuu isaa dubbataniiru.
Hojii misooma suluulaa kanaan, lafa waliinii fi ooyruu dhuunfaa irratti hojiin daagaa fi ittisaa dabalatee, hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii adda addaa hojjatamuu isaanii eeraniiru.
Naannoowwan hojiin misooma suluulaa kun irratti hojjatame kanattis, ganna dhufutti hojii dhaabbii biqiltuu gaggeessuuf boolla qotuu fi qophiiwwan biroon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannichatti hojii misooma sululaa kanaan dura hojjatameen, dhiqama biyyee fi saaxilamummaa lolaa hir'isuun gabbina biyyee waan dabaleef,omishnii fi omishtummaan qonnaa akka guddatu gochuu danda’uusaa eeraniiru.
Naannoowwan manca'anii turan deebi'anii misoomuusaaniin,rooba misooma midhaaniitiif mijataa ta’e akka jiraatu dandeessisuusaa ibsaniiru.
Haalli qilleensaa fi jiidhinsi mijataan akka uumamu gochuu isaa eeranii, qabeenyi bishaan lafa irraa fi lafa jalaa waan dabaleef, misoomni jallisiis bal'inaan akka gaggeeffamu haalli mijataan uumamuusaa himaniiru.
sululoota deebanii misooman kanarratti, nyaata loonii fi misooma fuduraalee fi muduraalee,akkasumas hojii misooma dammaa gaggeessuun,carraa hojii uumuuf shoora olaanaa taphachuu isaa eeraniiru.
Laggeenii fi haroowwan gogani deebi'anii bishaan dhugaatii namaa fi loonii, akkasumas horsiisa qurxummii fi tajaajila biroof akka oolan gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisuusaa beeksisaniiru.