Tamsaasa Kallatti:

Tarkaanfilee kutannoo Mootummaan fudhateen sirna odeeffannoo birmadummaa biyyaa fi Bilisummaa Imaammataa biyyattii mirkaneessu ijaaruun danda'ameera – Minisitiira Dr. Fitsum Asaffaa

Caamsaa10/2018(ENA)- Tarkaanfilee kutannoo mootummaan fudhateen sirna bilisummaa odeeffannoo fi bilisummaa imaammata biyyattii mirkaneessu ijaaruun danda'amuusaa Minisitiirri karooraa fi Misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan.

Marii biyyaalessaa mata duree "Bilisummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf" jedhuun qophaa'e, bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffamaa jira.

Minisitiirri karooraa fi Misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa marii kanarratti haasaa baninsaa taasisaniin, kanaan dura sirni odeeffannoo biyyaalessaa dandeettii ofii irratti kan hin hundoofne, deeggarsa alaa irratti kan hirkatee fi gaafileen amanamummaa kan irratti ka'an akka ture yaadachiisaniiru.

Haala Kanaan dura ture jalaa ba'uuf tarkaanfilee murannoo fudhatamaniin, raawwii rifoormii dinagdee mandhaalee fi karoorra misoomaa waggaa 10 hordofuuf kan gargaaran kanneen akka Qorannoo maatii qindaa’aa, Odeeffannoo Turiizimii, fi Lakkoofsa dhaabbata daldala kan dabalatan qorannoowwan adda addaa gaggeessuun, sirna dijiitaalaan ammayyeessuunii fi misooma odeeffannoof invastimantii guddaa gochuun, yaada 'Ida'amuu' irratti kan hundaa'e hoggansa imaammata odeeffannoo irratti hundaa'ee fi murtii kennuu mirkaneessuun danda'amuu isaa hubachiisaniiru.

Bu'aan rifoormii akkasii kun, odeeffannoowwan ijoollee Itiyoophiyaatiin akka walitti qabamanii fi akka xiinxalaman gochuun, birmadummaa biyyattii fi bilisummaa imaammata biyyattii kan mirkaneessudha jedhaniiru.

Faayidaa biyyaalessaa, nageenya lammiilee fi abdiiwwan misoomaa bu'uura jabaa irratti ijaaruun, hojimaata barame kan deebii kennuu qofa irratti xiyyeeffatu jalaa gara dursee raaguutti ce'uu kan dandeessisu dandeettii dhaabbataa itti fufiinsa qabu uumuun danda'amuu isaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015