Tamsaasa Kallatti:

Birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf odeeffannoo ofii ofiin walitti qabuu fi xiinxaluun murteessaadha – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Caamsaa 10/2018 (ENA): Birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf odeeffannoo ofii ofiin walitti qabuu fi xiinxaluun murteessaadha ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad himani.

Injifannoo guddaa Itiyoophiyaan imala birmadummaa karaa odeeffannoo fi istaatistiksiitiin galmeessite kan kabajan Yaa’ii fi Agarsiisa Biyyaalessaa mata duree ‘‘Odeeffannoon birmadummaa Bilisummaa Imaammataaf’’ jedhuun ergaa dabarsan keessatti, guddinni damee kanarratti argan baay’ee jajjabeessaa akka ta’e ibsaniiru.


 

Odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi utubaa birmadummaa ijoo mootummaa cimaa ijaaruu keessatti gahee guddaa akka ta’e Ministirri Muummee ibsaniiru.

Odeeffannoon ergifannaa ykn qaamolee biraa irratti hirkate fedhii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; odeeffannoo ofii matuma ofiin walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Hundaa ol ammoo beekumsaa fi dandeettii lammiilee keenyaan odeeffannoo walitti qabuu fi xiinxaluun gaggeeffamu arguun kan nama boonsu dha jedhaniiru.


 

Xiyyeeffannoon keenya baay’ina odeeffannoo bu’aan ibsamu qofa irratti xiyyeeffachuu osoo hin taanee, jijjiirama qabatamaa lammiilee irratti kan xiyyeeffatee fi qabatamaan jireenya lammiilee kan jijjiiru irratti ta’uu akka qabus dubbataniiru Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015