Birmadummaan dijitaala Itiyoophiyaa mul’atarra darbee hojiirra ooleera - ENA Afaan Oromoo
Birmadummaan dijitaala Itiyoophiyaa mul’atarra darbee hojiirra ooleera
Caamsaa 10/2018 (ENA)- Yeroo ammaa birmadummaan dijitaala Itiyoophiyaa bu’ura misoomaa mul’atarra darbee hojiirra ooldha jedhan ministeera pilaanii fi misoomaatti itti gaafatamaan damee hordoffii karooraa fi gamaaggama dijitaalaayizeeshinii Zarihun Kabbadaa.
Yaa’iin biyyaalessaa mata duree “birmadummaan odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun qophaa’e ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi hooggantoonni mootummaa olaanoon bakka argamanitti gaggeeffamaa jira.
Ministeera pilaanii fi misoomaatti itti gaafatamaan damee hordoffii karooraa fi gamaaggama dijitaalaayizeeshinii Zarihun Kabbadaa akka ibsanitti, yeroo ammaa birmadummaan dijitaala Itiyoophiyaa bu’ura misoomaa hojiirra oole ta’eera.
Sirni hordoffii karooraa fi gamaaggamaa dijitaalaa kun tokkoon tokkoon agarsiiftuu biyyaalessaa, sagantaa riifoormii fi agarsiiftuuwwan raawwii ijoo waajjiraalee ministeerotaa waltajjii biyyaalessaa mirkanaa’e tokkorratti akka gaggeeffaman kan godhudha jedhaniiru.
Sirna kana keessatti kan argamu hubannoon nam-tolchee odeeffannoowwan biyyaalesaa dhaabbilee federaalaa fi naannoo keessatti ragga’an irraa ka’uun, maddeen odeeffannoo eeruudhaan deebiiwwan wayitaawaa akka kennu dubbataniiru.
Kanaaf yeroo ammaa qormaata hoggantootaa kan ture odeeffannoon addaan bittimaa fi murteen harkifataan seenaa ta’eera jedhaniiru.
Sirnichi ijaaramee xumurameera, hammattoon hoggansaa fi hordoffii hojiirra ooleera, milkaa;inoonni argamanis qabatamaa akka ta’an ibsaniiru.
Tokkoon tokkoo lakkoofsaaf maddi odeeffannoo amanamaa jiraachuusaa, itti gaafatama guutuu fi ashaaraa odiitii mirkaneessuun olitti, hoggansi gabaasota yeroon itti darberratti osoo hin ta’iin, odeeffannoowwan wayitaawaarratti hundaa’uun murtoo akka dabarsu gochuusaa dubbataniiru.
Boqonnaan itti aanu itti gaafatama dhaabbilee hundaa ni ta’a, kunis sirna biyyaalessaa bifa tokko ta’e waliin wal quunnamuu, sirnicha hojiirra oolchuu fi karaa Kanaan gaggeessuu akka of keessaa qabu ibsaniiru.