Ergaa itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Ergaa itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Seenaa fi uumama bareedduun kan eebbifamte Gaarri Mul’ataa dirreefi gaarreen ishee lafa milkaa’ina oomisha keenyaaf fakkeenya taatedha.
Naannoon kun misooma qonnaa akkasumas kunuunsa qabeenya uumamaa qindaa’ee fi misooma bishaan kuufamaatiin sadarkaa misoomaa fooyya’aa ta’etti ce’aa jira.
Har’a naannoo Oromiyaa Harargee Bahaa, Aanaa Girawaa keessatti, misoomni bishaan kuufamaa eegumsa naannoo qofa osoo hin taane guddina omishaa fi oomishtummaaf gahee olaanaa qaba jedhani.
Fuduraalee, bosonaafi hojiiwwan qonnaa waliigalaa haala qindoomina qabuun guddachaa jiran ce’umsa qonnaa biyyaalessaaf dandeettii dabalataa uumu jedhani.
Qonnaan bultoonni aanichaa kilaastaraan kan gurmaa'an yoo ta'u, hojiin isaan kuduraa fi muduraa, misooma qabeenya beeyladaa fi horsiisa beeyladaa waliin hojjetaa jiran ni jajjabeeffama jedhani.
Sochii biyyaalessaa wabii nyaataa mirkaneessuu keessattis gahee olaanaa taphata jedhani.
Simannaa hawaasni naannichaa nuuf taasiseef galata onneerraa madden dabarsa jedhani.