Bu’aaleen qabatamaa lammiilee gargaaramummaa irraa bilisa gochuu dandeessisan galmaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Bu’aaleen qabatamaa lammiilee gargaaramummaa irraa bilisa gochuu dandeessisan galmaa’aniiru
Caamsaa 6/2018(ENA)- Bu’aleen qabatamaa ajandaa lammiilee Itiyoophiyaa gargaaramuu jalaa baasuu milkeessuu dandeessisan galmaa’aa akka jiran mana maree bakka bu’oota ummataattimwalitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatee Allanaa ibsan.
Walta’insa ENA fi Ministeera Qonnaatiin waltajjiin marii Mata-duree "Gargaaramummaa irraa gara Omishtummaatti" jedhuun Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walitti-qabaan Koree dhaabbataa dhimmoota Demookiraasii Obbo Iwunatee Allannaa, Waajjira Ministeera Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddu-gala Ijaarsa Sirna Demokiraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa, Deetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahuun Gobazaayii fi Deetaa Ministira Qonnaa Doktar Sofaayaa Kaasaa waltajjii kana irratti argamaniiru.
Dabalataanis, Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Naannoo Giddu-galeessaa Itiyoophiyaa fi Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Obbo Usmaan Surur, akkasumas hoggantoonni biroo fi ogeeyyiin qonnaa waltajjicharratti hirmaataniiru.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walitti-qabaan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Demookiraasii Obbo Iwunatee Allannaa wayita sana akka jedhanitti; Itiyoophiyaan ajandaa lammiilee gargaaramummaa irraa walaba gochuu milkeessuuf bu’aawwan qabatamaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Fooyya’insi dinagdee Mandhaalee gargaaramuurraa gara omishtummaatti kan ceesise ta’uu ibsuun, fakkeenya of danda’uu keessaa omishtummaa qamadii eeraniiru.
Gargaarsi yeroo rakkoo qofaaf malee bu’uura jireenyaa ta’uu akka hin qabne ibsaniiru.
Lammiilee gargaaramuu irraa ittif ufinsaan baasuu fi of dandeessisuun dhimma jireenyaa ta’uu xiyyeeffannoo kennaniiru.
Galma biyyaalessaa kana guutummaatti hojiirra oolchuuf qindoominni miidiyaalee fi dhaabbilee damicharaa akka eegamu ibsaniiru.
Hojii gaggeessaan Olaanaa ENA Seyifee Darribee haasaa baninsaa taasisaniin, akka biyyaatti galmi nyaataan of danda’uuf jalqabame kan milkaa’u yoo hubannoon gahaan uumame qofa ta’uu dubbataniiru.
ENA galma biyyaalessaa gargaaramuu irraa gara omishtummaatti ce’uu irratti hojiiwwan qabiyyee hubannoo uumaniin qooda fudhattoota waliin ta’uun cimsee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.