Tamsaasa Kallatti:

Aarsaa lubbuun birmadummaa argame dafqa keenyaan tikfanna – obbo Tasfaahuun Gobazaayi

Caamsaa 6/2018 (ENA): Aarsaa lubbuun birmadummaa argame dafqa keenyaan kunuunsuun tikfachuu qabna jedhani de’eetaan Tajaajila komunikeeshinii mootummaa obbo Tasfaahuun Gobazaayi.

Waltajjiin marii mata duree "Hirkattummaa irraa gara Oomishtummaatti" jedhuun magaalaa Hawaasaatti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Dura Taa'aan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Waajjira Muummee Ministiraatti Dr. Biqilaa Hurrisaa, De’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Tasfaahuun Gobazaayi fi De’eetaan Ministira Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa argamaniiru.


 

Dabalataanis Itti Aanaa Hogganaa Qindeessaa Kilaastara Misooma Baadiyyaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa fi Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Usmaan Surur; Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Sidaamaa obbo Mamiruu Mokee; Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Waganee Buzunaa, Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Dr. Lammaa Massalee fi hoggantoonni biroo fi ogeeyyii qonnaa argamaniiru.

Waltajjicha irratti argamuun haasaawaa taasisaniin obbo Tasfaahun Gobazaayi hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uun biyyattiif ajandaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyya lafa qabdu, haala qilleensaa mijataa qabdu, bishaan qabdu ta’uu eeruun, humna namaa, akkasumas seenaa walabummaa fi birmadummaa kan qabdu ta’us waggoota kurnan torban darbaniif biyya qamadiitiin rakkachaa turte ta’uun ishee ni yaadatama jedhani.

Itiyoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaatee osoo jirtuu biyya kadhattu osoo hin taanee biyya biyyoota biroof kennitu ta’uu qabdi jedhaniiru.

Rakkoon guddaan of danda’uu rakkoo yaaduu waan ta’eef jijjiirama yaadaa irraa eegaluun imala of danda’uu itti fufuu akka qabnu hubachiisaniiru.

Kanumaan wal qabatee dhimmichi sochii irra darbee haala caasaa fi ummata irratti xiyyeeffateen hojiirra ooluu, qindoomina qooda fudhattootaa cimsuu fi naannootti hojiirra oolchuu, qunnamtii walitti fufiinsa qabu uumuu akka qabamu dubbataniiru.

Kanaafis marii ummataa fi hojiin qabiyyee miidiyaa gama kanaan xiyyeeffannoo fi itti gaafatamummaan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015