Tamsaasa Kallatti:

Birmadummaan Itiyoophiyaa Wareegamummaan turte kan guutuu ta'u fakkeenyummaan badhaadhina ishee yoo mirkanaa'e dha - Dr. Biqilaa Hurrisaa

Caamsaa6/2018(ENA):-- Birmadummaan Itiyoophiyaa wareegamummaa kaffalameen dhalootatti darbe kan guutuu ta'u, fakkeenyummaan badhaadhina ishee yoo mirkanaa'e qofa ta'uu isaanii Waajjira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddu-gala Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan.

Waltajjiin marii Walta’insa ENA fi Ministeera Qonnaatiin mata-duree "Hirkatummaa irraa gara Omishtummaatti" jedhuun magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii obbo Iwunatee Allanee, waajjira ministira muummeetti ministirri qindeessaa jiddu gala ijaarsa sirna demokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa, de’eetaan ministiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa Tasfaahun Goobazaayi fi de’eetaan ministira qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa waltajjicharratti argamaniiru.

Dabalataanis sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannoo Itiyoophiyaa jiddu galeessaatti qindeessaan kilaastara misooma baadiyyaa fi hogganaan biiroo qonnaa naannichaa Usmaan Surur fi hooggantoonni biro fi ogeeyyonni qonnaa argamaniiru.

Waltajjicharratti waraqaa marii kan qopheessan Dr. Biqilaa Hurrisaa, birmadummaa guutuun qama imala kabaja biyyaa mirkaneessuuti jedhaniiru.

Kanaaf birmadummaa fi bilisummaan Itiyoophiyaa aarsaadhaan fulla’e guutuu kan ta’u fakkeenyummaan badhaadhinashee yoo mirkanaa’u akka ta’e ibsaniiru.

Irkattummaa jalaa bahuun qama faayidaa biyyaalessaa ta’uun ajandaa mootummaa isa tarsiimawaa godhamee kallattii imaammataan gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru.

Birmadummaa dinagdee, birmadummaa faayidaa biyyaalessaa, birmadummaa siyaasaa, birmadummaa aadaa fi eenyummaa wal ta’uun biyya kan dhaabanidha jedhaniiru.

Haalli ka’umsa inisheetiivii mootummaa seenaa beelaa fi ongee hambisuu, garbummaa irkattummaan walqabate hambisuu, balaawwan nam tolchee fi uumamaa dandeettii ofiitiin qolachuun qooda inni qabu kaasaniiru.

Kanneen keessaa galmoota birmadummaa dinagdee wabii nyaataa mirkaneessuu, oomisha alaa galu kan biyyaan bakka buusuu, madaallii sharafa alaa fi daldala alergii eeguu akkasumas sadarkaa maatiitti badhaadhina mirkaneessuu jedhanirratti akka dhaabate kaasaniiru.

Inisheetiivichi kutaalee hawaasaa buqqaatota, gargaarsa kan fayyadaman, fayyadamtoota seeftiineetii magaalaa fi baadiyyaa, daandiirra kan jiraatanii fi kanneen godaansarraa deebi’an dabalatee rakkoo kanaaf kan saaxilaman irratti akka xiyyeeffatu kaasaniiru.

Rood maappii irkattummaa jalaa bahu jedhu dhugoomsuuf caasaan mootummaa sadarkaan jiru hubannoo wal fakkaatu qabatee cimee hojjechuu akka qabu kaasaniiru.

Galmoota akka biyyaatti amma ammaatti kaa’aman milkeessuuf hojiileen jajjabeessoon raawwatamuusaanii fi bu’aaleen hunda galeessi qabatamaa galmaa’uusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015