Finfinneen misooma Kunuunsa Daa’imummaan duraa karooraa fi misooma magaalaa waliin ta’uun hojiirra oolchite akka fakkeenyaatti kan ibsamudha - ENA Afaan Oromoo
Finfinneen misooma Kunuunsa Daa’imummaan duraa karooraa fi misooma magaalaa waliin ta’uun hojiirra oolchite akka fakkeenyaatti kan ibsamudha
Caamsaa 6/2018 (ENA): Finfinneen misooma Kunuunsa Daa’imummaan duraa karooraa fi misooma magaalaa waliin ta’uun hojiirra oolchite akka fakkeenyaatti kan ibsamuufi hojii dinqisiisaadha jedhan Qorattoonni idil-addunyaa fi ogeeyyiin damee kanaa.
Akkasumas misoomni koridaraa, misoomni qarqara lageenii fi iddoon bashannanaa daa’immanii magaalaan Finfinnee hojjete magaalota addunyaa biroof fakkeenya ta’uu ibsaniiru.
Yaa’iin Daa’immummaan duraa idil Addunyaa mata duree “Afrikaan Jijjiirama Sirna Daa’immummaan duraa Keessatti Gahee Dursaa; Moodeelota Biyya Keessaa Irraa Sochii Addunyaatti taasftu cimsuu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama.
Kanaanis invastimantiin milkaa’aan umurii gadameessaa hanga waggaa jahaa irratti milkaa’uun hojjetameen Finfinneen magaalaa Afrikaa keessatti guddisa daa’immaniin magaalaa filatamaa taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Qorattoonnii fi ogeeyyiin waa’ee guddina daa’immumman duraa Finfinneetti hojiirra oolaa jiru ilaachisuun ENA waliin turtii taasisan, akkaataan magaalattiin misooma daa’immummaan duraa karooraa fi misooma magaalaa waliin qindaa’uun hojjechaa jirtu kan ajaa’ibsiifamudha jedhani.
Akka Dr. Joodii Paawuloskii, qorattuun xiinsammuu Yunivarsiitii Reen Faransaayitti; Pirojektoonni misooma ariifataa Finfinneetti hojjetamaa jiran misoomni magaalaa dhimmoota bu’uuraa nageenyaafi fayyaa daa’immaniif barbaachisoo ta’an akkamitti hammatamuu akka qabu kan agarsiisu fakkeenya guddaadha jedhani.
Magaalattiin naannoo nageenya qabu, iddoo magariisaa fi dirree bashannanaa babal’isuun tarkaanfii bu’a qabeessa ta’e fudhachaa jirti jedhan.
Kun maatiidhaaf bu’aa guddaa akka qabu, magaalonni addunyaa biroos muuxannoo Finfinnee irraa barachuu irratti xiyyeeffachuu qabu jedhan.
Pirojektoonni misoomaa kunneenis guddina daa’immanii fi fayyaa hawaasa guutuu keessatti gahee guddaa akka qaban hubachiisaniiru.
Piroofeesara Pilaanii fi Arkiteekcharii Magaalaa kan ta’an, Arunaavaa Dasguptaa akka himanitti, Finfinneen iddoowwan daa’immaniif mijatu uumuuf tarkaanfiiwwan mul’ataniifi qabatamaa ta’an hedduu fudhachaa jirti jedhani.
Kutannoo cimaan magaalattiin agarsiisaa jirtuu fi jalqabbiin eegalame magaalota Afrikaa birootiif muuxannoo guddaa ta’uu ibsaniiru.
Muuxannoon Finfinnee fakkeenyummaa cimaa magaalonni addunyaa biroo dafanii fudhachuu qaban ta’uus eeraniiru.
Yunivarsiitii Haarvaarditti Giddugala Guddina Daa’immanii keessatti ogeessa olaanaa kan ta’an Jeemsi Keernis akka himanitti, Inishiyeetiiviin kunuunsa daa’immummaan duraa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru qaama tooftaa magaalattiin maatiidhaaf mijaawaa taasisuu, koridaraa fi misooma magariisaa waliin qindaa’uun hojjetamedha jedhani.
Magaalaa daa’immanii fi maatii deeggartu uumuuf magaalattii keessatti ijaarsa gorsitoota warraa, giddugala kunuunsa daa’immanii fi dirree tapha irratti guddinni galmaa’e baay’ee nama dinqisiisa jedhan.
Manneen barnootaa dabalatee ijaarsi bu’uuraalee misoomaa daa’immaniif barbaachisan karoora misooma magaalichaa cimsuuf utubaa cimaa ta’uus hubachiisaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA