Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti Qonna Ganna baranaan hanga ammaa lafti hektaarri miliyoona 5 tuqaa 5 ol qootamee facaasaaf qophaa’e

Caamsaa 06/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti Qonna ganna baranaa milkeessuuf hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoona 5 tuqaa 5 ol qotamee facaasaaf qophaahuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.


Naannoon Oromiyaa lafa qonnaa bal’aa fi haala qilleensaa oomishaaf mijataa ta’e qabaachuun, hojii wabii nyaataa biyyattii mirkaneessuu keessatti qooda guddaa qabdi.

Mootummaan naannichaas oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf qonna babal’isuuf aadaa qonnaa ammayyeessuun hojiiwwan bal’aa hojjetaa jira.

Itti-aanaan itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ENA waliin turtii taasisaniin, naannichatti oomishtummaa qonna gannaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf qophiin gahaa fi bal’aan taasifamaa jira jedhan.

 
Naannichatti qonna gannaa baranaatiin lafa hektaara miiliyoona 11 caalu sanyiiwwan adda addaan misoomsuun, callaa kuntaala miiliyoona 367 galchuuf karoorfamee gara hojiitti galamuu ibsan.

Yeroo kamuu caalaa bara kana oomishtummaa guddisuuf karoorfamee hojiitti galamuu himaanii, hanga ammaatti lafti hektaraa miliyoona 5 tuqaa 5 ol qotamee facaasaaf qophaa’uu dubbataniiru.

Kana keessaa yeroo ammaa heektaarri miliyoona 1 ol sanyiin adda addaan facaafamuu  ibsaniiru.

Kanaafis mala kilaastaraa fi teekinoloojii fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf bara kana xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Lafa misoomuuf karoorfame keessaa dhibbantaa 80 ol mala kilaasteraan kan misoomu ta’uu himaanii; kunis qonnaan bultoonni maashinaroota ammayyaa, xaa’oo fi sanyii filatamaa haala mijawaan akka argatan  kan taasifamu ta’uu himaniiru.


Misooma kanaan gosoonni sanyii oomishtummaa olaanaa kennan qophaa’uun godinoota hundatti raabsamaa akka turanis himaniru.
 
Lixa Oromiyaatti bal’inaan sanyii filatamaa boqqolloo misoomsuun kan eegalame yoo ta’u, hojiin kun haala gaariin deemaa jirachuu eeraniiru.

Akkasumas baha Oromiyaatti misingaa facaasuun kan egaalame ta’uus himaniru.
 
Obbo Bariisoon akka jedhanitti, godinoota adda addaa keessatti hojiin facaasaa yeroo isaa eegee bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuu fi hojiin kun oomisha bara kanaa keessatti jijjiirama guddaa fida jedhamee akka eegamu dubataniru.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa dhiyeessii xaa’oo fi sanyii filatamaa irratti dhimmoota gufuu ta’an furuun, oomisha ganna kanaan wabii nyaataa mirkaneessuuf qonnaan bultoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015