Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti daddabarsa boba’aa seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Camsaa 06/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaatti daddabarsa boba’aa seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Naannichaa hime.

Walitti bu’iinsa Giddu galeessa Bahaatti mudate hordofee dhiyeessii boba’aa irratti dhiibbaa idil addunyaa uumamu dandamachuuf qajeelfama mootummaan kaa’e bu’uura godhachuun naannicha keessatti hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jiraachuu Biirichi ibseera.

Biirichatti Daayrektarri Inispeekshinii fi Regulaatorii Daldalaa Obbo Diina’ool Darajjee ENAtti akka himanitti, dhiibbaa gama kanaan ga’u hir’isuuf gabaa fi dhiyeessii boba’aa sirna qabsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Obbo Diina’ool akka jedhanitti, dhiyeessiin boba’aa galma misooma biyyaalessaaf karoorfame qofaaf akka ooluuf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetama jira.

Bu’uura kanaan, pirojeektoota misoomaa gurguddoo xumurarra jiraniif, warshaalee oomishtootaaf, fe’umsa oomisha qonnaa fi konkolaattota tajaajila geejjiba uummataa kennaniif dursa kennuun hojichi cimee itti fufee jiraachuus eeraniiru.


Naannicha keessatti raabsaa boba’aa sirnaan gaggeessuuf akkasumas boba’aa seeraan alaa daddarban to’achuuf koreen qindoominaan hundaa’es bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu Obbo Diina’ool ibsaniiru.

Koreen qindoominaa kunis, bulchiinsa, poolisii, abbaa alangaa, daldala fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo irraa walitti dhufuun boba’aa seeraan alaa daddarbu to’achuu fi sirna gabaa tasgaabbeessuu irratti hojechaa jiraachuu eeran.

Koreen kun carraawwan garaa garaatti fayyadamanii qaamolee boba’aa seeraan alaa daddabarsuu irratti bobba’an hordofuun tarkaanfii seeraa fudhachaa jirachuus himaniru.

Haaluma kanaan ji’oota lamaan darban keessatti qofa boba’aa liitira kuma 558 fi 313 buufata boba’aadhaan ala kuufamee argame to’annoo jala oolchuu danda’aniiru.

Boba’aan to’annoo jala oole kun yeroo maallaqaan shallagamu birrii miiliyoona 85 fi kuma 846 fi 847 ta’uun mootummaaf galii ta’uus daayrektarichi ibsaniiru.

Daddabarsa boba’aa seeraan alaa kanaan walqabatees namoonni 256 to’annoo jala oolanii dhimmi isaanii seeraan ilaalamaa kan ture ta’uu akkasuma.

Isaan keessaa namoonni 149 himannaa irratti dhiyaateen yakkamaa ta’anii argamuun isaaniitiin, adabbii hidhaa cimaa hanga waggaa 7 ga’uun akka adabaman murtaa'uus Obbo Diina’ool beeksisaniiru.

Hojiiwwan to’annoo qindoominaan hojjetamaniin yeroo ammaa dhiyeessiin boba’aa naannichatti fooyya’iinsa argisiisaa jiraachuus eeraniiru.

Hojii kana cimsanii itti fufuun boba’aan galma yaadameef qofa akka ooluuf ni hojjetama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015