Tamsaasa Kallatti:

Meeshaaleen hambaa durii Itiyoophiyaa sababoota adda addaatiin biyya keessaa baafaman tattaaffii dippilomaasiitiin deebifamaa jiru

Caamsaa 6/2018 (ENA): Meeshaaleen hambaa durii Itiyoophiyaa sababa adda addaatiin biyya keessaa baafaman tattaaffii dippilomaasii mootummaan gara biyyaatti deebifamaa akka jiran Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa hambaalee Itiyoophiyaa Gargaaraa Piroofeesara Ababaaw Ayyaaloo himaniiru.

Meeshaaleen hambaa durii Itiyoophiyaa UK keessa turan gara Itiyoophiyaatti deebifamaniiru.

Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan Abbaa Taayitaa Meeshaalee hambaa Durii Itiyoophiyaa Gargaaraa Piroofeesara Ababaawu Ayyaaloo, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Meeshaalee hambaa Durii Itiyoophiyaa, Dr. Alulaa Paankirasti fi bakka buutonni gootota duraanii argamaniiru.

Gargaaraan Piroofeesara Ababaaw Ayyaaloo wayita sana akka ibsanitti, Meeshaaleen durii Itiyoophiyaa sababoota adda addaatiin biyya keessaa baafamanii saamaman tattaaffii dippilomaasii mootummaatiin deebifamaa jiru jedhani.

Har'as hambaaleen Mootii Tewoodiroos, hambaarriin harkaa warqee irraa tolfame, miidhagina mataaf kaawwatan fi shurraabii biyya keessatti hojjetame dabalatee, gara biyyaatti deebi'uu isaanii ibsaniru.

Hambaaleen kunneen carraaqqii dippilomaasii guddaa fi waliigaltee irra ga’amuun gara Itiyoophiyaatti deebi’uu isaaniis ibsaniiru.

Kun bu’aa dippilomaasii guddaa walta’iinsa dhaabbilee Itiyoophiyaa fi Ingilizii gidduutti argame ta’uu ibsaniiru.

Hambaaleen kunneen lammiileen seenaa fi eenyummaa isaanii akka hubataniif golahambaa isaaniif qophaa’e keessa akka kaa’aman himaniiru.

Hambaalee sababoota adda addaatiin fudhataman deebisuuf tattaaffiin taasifamaa ture cimee itti fufuus ibsaniiru.


 

Ogeessi antiroopooloojii hawaasummaa fi qorataan Dr. Aluulaa Pankirasti akka himanittii; Hambaaleen kunneenis mootii Tewoodiroos waliin kan walqabatanidha jedhani.


 

Roobin Jaaksan, Dura taa’aa golambaa Mootii Reejimentii Tirastii Ingilaanditti; Meeshaalee kana waggoota 150 booda gara mana isaaniitti deebisuuf carraa ajaa'ibaa ta'uu himaniiru.

Adeemsa meeshaalee Itiyoophiyaa gara biyya isaaniitti deebisuuf gumaacha taasisaniin akka boonanis himaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015