Mariin sadarkaa olaanaa gamtaa Afriikaa fi dhaabbata mootummoota gamtoomanii Finfinneetti ni taa’ama - ENA Afaan Oromoo
Mariin sadarkaa olaanaa gamtaa Afriikaa fi dhaabbata mootummoota gamtoomanii Finfinneetti ni taa’ama
Caamsaa 5/2018(ENA)- Mariin sadarkaa olaanaa gamtaa Afriikaa fi dhaabbata mootummoota gamtoomanii 10ffaan teessoo muummee gamtichaa Finfinneetti har’a ni taa’ama.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf fi barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez marii kanarratti akka argaman eegama.
Mariin kun tumsa tarsiimawaa misooma Afriikaa fi bulchiinsa idil addunyaa qaamolee lamaan jidduu jiru cimsuuf kan akeekamedha.
Tumsa dhaabbilee lamaan jidduu jiru, itti gaafatamaa fi tumsa waloo misoomaan, bulchiinsaan, deeggarsa namoomaa fi ijaarsa nageenyaa akkasumas dhimmoota dursi kennamuuf irratti tumsa jiru guddisuun akka danda’amu mariin ni gaggeeffama.
Marii sadarkaa olaanaatti taa’amu kanarratti dhimmoonni tarsiimawoo hedduun kan irratti mari’ataman yoo ta’u, keessumaa ajandaan 2063 fi raawwii hojiirra oolmaa karoora boqonnaa lammaffaa kan waggaa kudhanii si’achiisuu akkasumas qooda giddu galeessaa Afriikaan imaammata idil addunyaa fi bulchiinsa keessatti qabdu eeguu kan jedhan ajandaawwan xiyyeeffannoon kennameefidha.
Dabalataanis faayinaansii misoomaa “irkattummaarraa gara birmadummaatti cehe” mata duree gamtaa Afriikaa 2026 kan wagga kan ta’e dhiheessii bishaan dhugaatii fulla’aa fi eegumsa qulqullinaa, akkasumas riifoormii dhaabbilee idil addunyaa fi bakka bu’ummaa Afriikaan mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii keessatti qabdu irratti ni mari’atama.
Waltajjiin kun rakkoolee Ardiif furmaata Afriikaa fiduu, qabeenya biyya keessatti walitti qabamu guddisuu, fayyadama dargaggootaa fi dubartootaa mirkaneessuu akkasumas walitti hidhamiinsa xiyyeeffannoowwan misoomaa dursi kennamuuf kan Ardii fi idil addunyaa jidduu jiru cimsuun murteessaa ta’uu xiyyeeffannoon kan kennamuuf ta’uun beekameera.
Bu’aalee marii kanarraa eegaman keessaa qindoomina tarsiimawaa fooyya’aa, jijjiirama sirna faayinaansii idil addunyaa haqa qabeessa, mata duree gamtaa Afriikaa kan wagga ilaalchisuun qindoomina cimaa uumuu fi sirna mootummoota gamtoomanii keessatti bakka bu’ummaan Afriikaa haqa qabeessi akka jirattuuf waamicha dhihaatan cimsuu kan jedhan akka keessatti argaman gamtichi odeeffannoo ENA’f ergeen beeksiseera.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf fi barreessaan olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez bu’aa marii kanaa ilaalchisuun ibsa waloo ni kennu.