Godina Gujiitti baatiiwwan saglan darbanitti omishni bunaa toonii kuma 18 ol gabaa gidduugaleessaaf dhihaateera - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti baatiiwwan saglan darbanitti omishni bunaa toonii kuma 18 ol gabaa gidduugaleessaaf dhihaateera
Caamsaa 4/2018(ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti bara kana baatiiwwan saglan darban bunni qulqullina isaa eeggate tooniin kumni 18 ol gabaa giddu-galeessaatti dhiyaachuusaa Waajjirri Daldalaa Godinichaa ibseera.
Godinni Gujii naannolee Itiyoophiyaa keessaa buna dhandhama addaa qabu oomishuun gabaa Addunyaatiif dhiyeessan keessaa isa tokkodha.
Oomishni bunaa Godinichaa baay'een isaa gaaddisa bosona uumamaa jalatti kan oomishamaa dhufe yoo ta'u, kunis bunni sun amala uumamaa (Organic) isaa utuu hin dhabiin akka guddatu gargaara.
Ogeessi karooraa fi baajataa waajjira daldalaa Godinichaa obbo Darrasaa Danqoo ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa kanatti buna toonii kuma 75 ol gara gabaa giddu-galeessaatti dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhani.
Godinichatti keessatti dhiyeessitoonni bunaa 36 oomisha bunaa baay'inaa fi qulqullinaan qopheessuun gabaa giddu-galeessaatiif dhiyeessaa akka jiranis eeraniiru.
Kanaanis, bara baajataa kana keessatti baatiiwwan saglan darban buna dhiqamee fi gogee qulqullina isaa eeggate tooniin kuma 18 fi 682 gara gabaa giddu-galeessaatti dhiyaachuusaa ibsaniiru.
Oomishni barana gabaaf dhiyeessuuf karoorfame kun kan waggaa darbee waliin yeroo madaalamu caalmaa akka agarsiises dubbataniiru.
Sadarkaa biyyaalessaatti oomisha bunaaf giddu-galeessi dhandhama bunaa Godinicha keessatti hundeeffamuu isaa ibsuun, giddu-galeessi kun qulqullinaa fi baay'ina oomisha bunaa dabaluudhaan oomishtoota biratti kaka'umsa uumuu danda'uusaa ibsaniiru.
Ogeessi Misooma Bunaa fi Shaayii Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Birhaanuu Fayyisaa gama isaaniitiin, misooma bunaa babal'isuuf sanyiiwwan bunaa fooyya'an oomisha gaarii kennan qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jira jedhaniiru.
Bara kana keessatti oomisha kuntaala miliyoona tokkoo ol walitti qabuuf karoorfamuu isaa eeranii, misooma kanaan qonnaan bultoonni kumni 108 ol hirmaachuun fayyadamaa ta'uu isaanii addeessaniiru.
Jiraataa Magaalaa Adoolaa fi oomishaa bunaa kan ta'an obbo Geetaachoo Goljaa yaada kennaniin, waggoota dhiyoo as misooma bunaa fi sirna gabaa fooyya'een fayyadamaa ta'uu isaanii ibsaniiru.
Giddu-galeessi dhandhama bunaa naannoo isaaniitti hundeeffamuu isaa hordofee, oomisha bunaa baay'inaa fi qulqullinaan oomishuun gabaaf dhiyeessuudhaan fayyadamummaa diinagdee isaanii guddisuuf hojjetamaa akka jiran eeraniiru.
Dhiyeessaan bunaa kan biraan obbo Eliyaas Sangaagoo, galii isaanii damee kanaan argatan guddisuuf qulqullina oomishaatiif xiyyeeffannoo kennuu isaanii dubbataniiru.
Godina Gujiitti Lafti hektaarri kuma 377 ol biqiltuu bunaan dhaabbachuus ibsameera.