Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Godina Hararge Bahaa magaalaa Dadar keessatti ijaarame xumuramee tajaajilaaf dhiyaate - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Godina Hararge Bahaa magaalaa Dadar keessatti ijaarame xumuramee tajaajilaaf dhiyaate
Caamsaa 4/2018 (ENA): Fedhii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Dadar fi hawaasa naannoo Godina Hararge Bahaa haala itti fufiinsaan guutuuf birrii biiliyoona tokkoo oliin kan ijaarame xumuramee tajaajilaaf dhiyaateera.
Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu kun jiraattota kuma 100 ol fayyadamoo akka taasisus ibsameera.
Eebba pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu kanarratti Hoggantuun Biiroo Lafa Naannoo Oromiyaa aadde Masarat Asaffaa fi Itti Aantuu Pireesidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii aadde Roozaa Umarii fi hoggantoonni biroo argamaniiru.
Hogganaan Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godina Harargee Bahaa obbo Jamaal Hasan akka ibsanitti, damee bishaan dhugaatii Godinicha keessatti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa ture jedhani.
Pirojektoonni bishaanii Godinicha keessatti ijaaramaa jiran yeroon xumuramuu fi tajaajilaaf qophaa’uu isaanii mirkaneessuuf hoggansi itti dhiyeenyaan hordofuu ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA