Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Ameerikaan marii dhimma biyyoota lameenii irratti mari’atan

Caamsaa 4/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo biyyoota lamaanii daran cimsuuf Waashingitan DCtti marii gaggeessan.

Jilli Ministira Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiyoosiin durfamuu fi Gorsaa Dhimma Diinagdee Ministira Muummee Ambaasaaddar Girmaa Birruu fi Daarektarri Olaanaa Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Jenaraal Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dabalatee gita isaanii Ameerikaa waliin mari’ataniiru.

Mariin caasaa biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Ameerikaan gaggeeffame kun mata dureewwan sadii irratti kan xiyeeffatu yoo ta’u isaaniis: badhaadhina dinagdee, daldalaa fi invastimantii; ittisaa fi nageenya; akkasumas nagaa fi tasgabbii naannoodha.

Mariin caasaa biyyoota lamaanii kun hariiroo biyyoota lamaanii haala itti fufiinsa qabuun kan cimsu ta’uu odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa ni ibsa.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015