Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan dhaloota boruuf qophaa’e ijaaruuf inisheetiivota ijoollummaan duraa seeraa fi imaammataan deeggaraman hojiirra oolchaa jirti

Caamsaa 3/2018(ENA) - Itiyoophiyaan dhaloota boruuf qophaa’e ijaaruuf inisheetiivota ijoollummaan duraa seeraa fi imaammataan deeggaraman hojiirra oolchaa akka jirtu Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Itti Aanaan Ministira Muummee yaa’ii Idil-Addunyaa ijoollummaan duraa (Early Childhood) Addis ifatti bananiiru.


Itiyoophiyaan hojiiwwan misooma nama irratti xiyyeeffatan hojiirra oolchaa jirtu keessaa sagantaan ijoollummaan duraa isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan guddina waligalaa fi eegumsa daa’immaniitiif hojiiwwan seeraa fi imaammataan deeggaraman raawwachaa akka jiru eeraniiru.


Imaammata misoomaa fi barnoota ijoollummaan duraa biyyaalessaa bara 2015 fooyya’ee ragga’e, akkasumas, Labsii Barnootaa waliigalaa bara 2017 ragga’e bu’uura godhachuun, Manneen Barnootaa sadarkaa tokkoffaan duraa kuma 35 ol ta’an guutuu biyyattii keessatti hojiirra oolaa jiru jedhaniiru.

Dhaabbilee mootummaa keessatti giddugalonni kunuunsa daa’immanii banamanii tajaajila kennaa jiru kan jedhan Itti aanaan Ministira Muummee, Itiyoophiyaan sagantaa biyyaalessaa guddaa nageenya daa’immanii fooyyessuuf dandeessisu eegaluu ishee kaasaniiru.

Sagantaa Wadaa Saqoxaatiin karoorri waggaa 15 qophaa’ee, hanqina guddinaa daa’imman waggaa lamaa gadii irratti gahu bara 2022tti gara zeerootti fiduuf (dhabamsiisuuf) hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, sagantaa Maaddii guutuu fi oomishtummaan nyaata madaalawaa milkaa’ina kanaaf shoora guddaa qabu jedhaniiru.

Keessattuu, miidhaa daa’immanii hir’isuu fi fayyummaa ijoollee dabaluu keessatti dandeessisaa akka jiran ibsaniiru.

Itiyoophiyaan waadaawwan galma misooma itti fufiinsaa fi eegumsa mirga daa’immaniitiif seente gara hojiitti hiikaa akka jirtu eeruun; kunis cimee akka itti fufu akeekaniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti, kutannoo hoggansi qabuun, inisheetiivonni tarsiimoo guddina hunda galeessa daa’immanii irratti xiyyeeffatan qophaa’anii hojiirra oolaa akka jiran ibsaniiru.

Hojiin ijaarsa dhalootaa murteessaan kun fakkeenyummaa Magaalaa Finfinneetiin eegalamee guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru eeraniiru.

Mootummaan badhaadhina mirkaneessuuf misooma ijoollummaan duraa qindaa’aa guutuu biyyattii keessatti babal’isuuf kutannoo guutuu qabaachuus mirkaneessaniiru.

Bajata barbaachisaa ramaduun sadarkaa Manneen Barnootaa fooyyessuu fi sagantaa soorata barattootaa babal’isuun bu’aan akka argame eeraniiru.

Bakkeewwan ispoortii fi ijoolleen qaamaa fi sammuun itti dagaagan naannoo hundaatti ijaaruun, misooma koriidariitiin bakkeewwan ijoolleef mijatoo ta’an uumamaa akka jiranis ibsaniiru.

Ijoollee irratti hojjechuun boru biyya, Ardii fi Addunyaa keenya irratti hojjechuudha waan ta’eef, xiyyeeffannaan itti fufuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015