Tamsaasa Kallatti:

Fooyyessi dinagdee gooroo qulqullinnii fi qaqqabamni tajaajila Saafaarii koom Itiyoophiyaa akka cimu gumaacha guddaa gumaachaa jira

Caamsaa 3/2018(ENA)- Fooyyessi dinagdee gooroo mandhalee qulqullinnii fi qaqqabamni tajaajila Saafaarii koom Itiyoophiyaa akka cimu gumaacha guddaa gumaachaa jiraachuu hojii raawwachiisaan olaanaa kaampaanichaa Wiim Vanheeleeputee ibsan.

Saafaariikoom Itiyoophiyaan raawwii hojii Bitootessa 23 bara 2017 kaasee amma Bitootessa 22 bara 2018tti jiru ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.

Hojii raawwachiisaan olaanaan Saafaariikoom Itiyoophiyaa Wiim Vanheeleeputee ibsa kennaniin, biyyoota addunyaarraa guddina si’ataa galmeessisaa jiran keessaa Itiyoophiyaan ishee tokkodha jedhaniiru.

Kanaaf ammoo sagantaan fooyyessa dinagdee gooroo mandhalee guddina si’achiisuudhaan qooda olaanaa bahachaa jira jedhaniiru.

Guddina dinagdee si’ataa fi sirrii Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu keessatti invastimantiitti hirmaachuun gammachiisaa ta’uu eeranii, bu’aaleen agarsiiftuu dinagdee gooroo invastimantii jajjabeessuun dirree misoomaa mijataa uumuusaa dubbataniiru.

Jijjiiramoonni to’annoo onnachiisoon damee telekoomiin dhufuusaanii eeranii, kun ammoo baay’ina maamiltoota Saafaariikoom kan guyyaa 90 miiliyoona 13 tuqaa 6’n gahuun danda’amuusaa himaniiru.

Kun kan bardheengaddaa yeroo wal fakkaataan yoo madaalamu guddina dhibbantaa 54 tuqaa 2 galmeessisuusaa ibsaniiru.

Baay’inni fayyadamtoota Emmi Peessaa (M-PESA) miiliyoona 5 tuqaa 2 kan gahe yoo ta’u maallaqni appilikeeshinii isaatiin deddeebi’e birrii biiliyoona 32 tuqaa 5 gahuusaa ibsaniiru.

Tajaajilli daataa moobaayilii galii waggaarratti qooda olaanaa qabachuudhaan guddina cimaa agarsiisuusaa dabaluun eeraniiru.

Bara bajataa 2026 xumurametti galii birrii biiliyoona 15 tuqaa 9 kan argate ta’uu fi kun ammoo guddina dhibbantaa 130 tuqaa 9 akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015