Diinagdeen dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna fayyaa ammayyeessuun gumaacha olaanaa taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Diinagdeen dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna fayyaa ammayyeessuun gumaacha olaanaa taasisaa jira
Caamsaa 3/2018 (ENA): Diinagdeen dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna fayyaa ammayyeessuun gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa.
Ministeerri Fayyaa Caamsaa 3 hanga 7/2018 kan turu torbee Odeeffannoo Fayyaa Biyyaalessaa fi kalaqa Fayyaa Dijitaalaa 5ffaa mata duree “Kalaqa Fayyaa dijitaalaa irratti invasti gochuun Kalaqa Fayyaa Dijitaalaa guddisuu” jedhuun marii gaggeessaa jira.
Sirna kanarratti hoggantoonni Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu, hoggantoonni biiroolee fayyaa naannolee, bakka bu’oonni yuunivarsiitii, dhaabbileen ogummaa fi waldaalee siivikii argamaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa wayita sana akka himanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 sirna odeeffannoo damee fayyaa ammayyeessuun bu’uura kaa’eera jedhani.
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 sirna fayyaa dijitaalaa cimsuu irrattis kan xiyyeeffatu dha jedhani.
Diinagdeen dijitaalaa Itiyoophiyaa damee fayyaa ammayyeessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibssaniiru.
Sirni odeeffannoo utubaawwan damee fayyaa shanan keessaa tokko ta’uu eeraniiru.
Raawwii damichaa fi fooyya’iinsa fayyaa hawaasaa keessatti odeeffannoon fayyaa cimaa fi fayyaan dijitaalaa ga’ee olaanaa qaba jedhan.
Sirna fayyaa hunda galeessa diriirsuu fi galmoota misooma itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf fayyaan dijitaalaa murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Fayyaan dijitaalaa bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu kan himan Ministirri kun, meeshaaleen fayyaa dijitaalaa 47 ol akka biyyaatti hojiirra ooluu isaanii hubachiisaniiru.
Dhaabbileen fayyaa kuma 3 fi 500 ol ‘Health Net’ waliin walitti hidhamiinsa uumuu fi dhaabbileen 227 ol adeemsa odeeffannoo dhukkubsattootaa sirna elektirooniksii keessatti hammachuu hojiirra oolchuu isaanii kaasuun isaanii ni yaadatama.
Yuunivarsiitiiwwan misooma humna namaa, qorannoo fi kalaqa keessatti gahee ijaarsaa taphachuu, odeeffannoo fayyaa dijitaalaa cimsuuf hojjechuu akka qabanis eeraniiru.
Sagantaan Torbee Odeeffannoo Fayyaa Biyyaalessaa fi Fayyaa Dijitaalaa 5ffaan ga’ee jijjiirama dijitaalaa damee fayyaa keessatti itti fufiinsa qabuuf gumaacha olaanaa akka taasisus hubachiisaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA