Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaantuu dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaantuu dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin mari’atan
Caamsaa 3/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaantuu dhaabbata maallaqaa addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Jorjiyevaa waliin mari’ataniiru.
Marii Kanaan, guddina dinagdee, tumsaa fi dhimmoota waloo dursi kennamuuf irratti marii bal’aa gochuusaanii ministirri muummee fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti beeksisaniiru.
Yaada gaarii wal jijjiirree fi tumsa itti fufiinsa qabuuf galata guddaan qaba jedhaniiru.