Tamsaasa Kallatti:

Fedhii misoomaa ummataa guutuuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiru - Pireesidaanti Musxafee Mahaammad

Caamsaa 2/2018 (ENA): Bu’uuraalee misoomaa fi fedhii misoomaa ummataa haala itti fufiinsa qabuun guutuuf naannoo Somaalee keessatti pirojektoonni misoomaa adda addaa hojjetamaa akka jiran pireezidaantiin Bulchiinsa Naannichaa obbo Musxafee Mahaammad ibsani.

Obbo Musxafee Mahaammad ijaarsa piroojektii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Qebridaharitti Birrii miiliyoona 407’n ijaaramu eegalchiisani.
Haasaa pirojekticharratti taasisaniin obbo Musxafeen akka jedhanitti; Mootummaan naannichaa bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan babal’isuuf xiyyeeffannoo guddaa kennaa jira.
Jijjiirama mootummaa argameen booda naannichatti boolli bishaan gadi fagoo 370 ol qotamuu ibsuun, magaalonni 20 ummata baay’ee qaban bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu isaanii eeraniiru.
Kunis uwwisa bishaanii naannichaa dhibbeentaa 19 irraa gara dhibbeentaa 52tti ol guddachuu isaa ibsaniiru.
Jijjiirama kanaan dura naannichatti hospitaalonni sagal qofa akka turan hubachiisuun, hospitaalota hunda keessatti hojiin babal’ina hojjetamuu fi hospitaalonni dabalataa 12 akka haaraatti ijaaramuu isaanii himaniiru.
Xiyyeeffannoo daandii irratti kennameen, ijaarsa daandii magaalota qulqullina qabu Jigjigaa, Degehabur, Godee fi Qabridehaar keessatti hojjetamuun alatti, erga jijjiiramni dhufee as baadiyyaatti zoonii hunda keessatti daandiiwwan kuma lamaa ol ijaaramuu isaaniis ibsaniiru.
Kunis hojii daldalaa ummataaf haala mijeessaa jira jedhan.
Naannichatti qaqqabummaa barnootaa babal’isuuf manneen barnootaa 700 ol kan ijaaraman yoo ta’u, kana keessaa manneen barnootaa 100 sadarkaa lammaffaa ta’uu ibsaniiru.
Xiyyeeffannoo misooma magaalaa fi damee qonnaaf kennameen mootummaan naannichaa jijjiirrama kanaan dura lafa qonnaa heektaara kuma 300 ture gara heektaara miiliyoona 1.5 ol guddiseera jedhani
Pireesidaantiin naannichaa gama misoomaa biroo keessattis naannichi erga jijjiiramni dhufee hojiilee ummata fayyadamoo ta’an hedduu raawwachuu isaa ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015