Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misooma itti fufsiisuu eegamuu barbaachisa - ENA Afaan Oromoo
Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misooma itti fufsiisuu eegamuu barbaachisa
Caamsaa 2/2018 (ENA): Duudhaalee waloomaa cimsuun nageenyaa fi misoomni itti fufsiisamuu qaba jedhan pireesidaantiin bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii obbo Ordin Badrii.
Mootummaan Naannoo Hararii fi Naannoo Oromiyaa Godinni Harargee Bahaa Yaa'ii Nageenyaa fi Tokkummaa Ummataa gaggeessaa jiru.
Mata duree "Nageenyaa fi Tokkummaa Ummatootaa Badhaadhina waloof" jedhuun qophaa'e kanarratti hoggantoonni olaanoo bulchiinsa naannoo, Gonidnaa fi magaalaa akkasumas maanguddoonni, abbootiin amantaa fi keessummoonni adda addaa affeeraman hirmaataniiru.
Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii obbo Ordin Badrii konfiraansii kanarratti hirmaatanii haasawa taasisaniin, tokkummaan ummata Baha Itiyoophiyaa keessattuu Harargee galmee seenaa biyyattii keessatti bakka addaa kan qabuu fi mallattoo ida’amuu hawaasummaa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Walitti hidhamiinsi kun gatii tokkummaa ummatootaa jaarraa hedduuf ture kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.
Duudhaalee waloo fi kabajaa naannicha keessatti mul’atan daran cimsuun hojiin nageenyaa fi misoomaa eegalame itti fufuu akka qabus dhaamaniiru.
Tokkummaa keenya cimsuun ambaasaaddara nageenyaa fi misoomaa ta’uu qabna jedhaniiru.
Hoggansi, abbootiin amantaa fi maanguddoonni, akkasumas hayyoonni gamtaa kana cimsuuf gahee isaanii gumaachuutu irraa eegama jedhan.
Hirmaattonni waltajjicharratti argamanis duudhaalee waloomaa fi naannicha keessatti nageenya itti fufiinsa qabu ijaaruu irratti ni cimanii hojjechuu qabu jedhameera.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA