Waggoota shanan darban walitti fufinsaan hojiiwwan hojjetamaniin dubartoota bu’uura badhaadhinaa biyyattii taasisuu dandeenyeerra-Aadde Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Waggoota shanan darban walitti fufinsaan hojiiwwan hojjetamaniin dubartoota bu’uura badhaadhinaa biyyattii taasisuu dandeenyeerra-Aadde Adaanech Abeebee
Caamsaa 2/2018 (ENA): Waggoota shanan darban walitti fufinsaan hojiiwwan hojjetamaniin dubartoota bu’uura badhaadhinaa biyyattii taasisuu dandeenyeerra jedhani kantiibaan magaalaa Finfinee Aadde Adaanech Abeebee.
Kantiibaan kun kana kan ibsan duula filannoo Paartii Badhaadhinaa dubartoonni qofti irratti hirmaatan irrattidha.
Waltajjii adda ta’e kana irratti kaadhimtoonnii fi deeggartoonni paartichaa kutaa magaalota hundarraa hirmaataniiru.
Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, hirmaannaa guutuu fi fayyadamummaa dubartootaa malee badhaadhina biyyattii mirkaneessuun waan hin yaadamne ta’uu dubbataniiru.
Waggoota shanan darban keessatti dubartoota irratti xiyyeeffachuun hojiin hojjetame milkaa’inoonni gurguddaa galmaa’uu danda’eera jedhan.
Kantiibaan kun dubartoonni dhaabbilee ijoo magaalattii keessatti haala bu’a qabeessa ta’een hoogganaa akka jiran kan himan yoo ta’u, kunis dhimma hirmaannaa qofa osoo hin taane qabatamaan bu’a qabeessummaa isaanii kan mirkaneessedha jedhani.
Dubartoonni gama carraa hojii uumuun haalaan fayyadamoo taasisuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetameera jedhan.
Imalli gara badhaadhinaatti taasifamu kan duubatti hin deebine ta’uu kan eeran kantiibaan kun, siyaasni dhaabichaa olola duwwaa osoo hin taane bu'aa qabatamaan hojii bu’a qabeessa kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.
Waggoota darban keessatti hojiiwwan gurguddoon magaalicha keessatti faayidaa dubartootaaf jecha hojjetamaa turan kabajaa fi iddoo guddaa dhaabichi dubartootaaf kenne kan mul’isu ta’uus himaniiru.