Duulli filannoo dubartoonni Paartii Badhaadhinaa irratti Hirmaatan gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Duulli filannoo dubartoonni Paartii Badhaadhinaa irratti Hirmaatan gaggeeffame
Caamsaa 2/2018 (ENA): Duulli filannoo dubartoonni Paartii Badhaadhinaa qofti irratti hirmaatan gaggeeffameera.
Sagantaan kun hojiiwwan gurguddoo waggoota shanan darban magaalattii keessatti fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojjetamaa turan ibsameera.
Keessattuu hojiin fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneesses ibsameera.
Sagantaa addaa kana keessatti, Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabalatee kaadhimamtoonni Paartii Badhaadhinaa fi deeggartoonni paartii kutaa magaalota hundarraa walitti dhufan hirmaataniiru.