Waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan qindoomina qabu hojjechuun dandeettii dubartootaa guddisuun agarsiiftuu badhaadhina amansiisaa akka ta’an taasifneerra - obbo Mogas Baalchaa - ENA Afaan Oromoo
Waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan qindoomina qabu hojjechuun dandeettii dubartootaa guddisuun agarsiiftuu badhaadhina amansiisaa akka ta’an taasifneerra - obbo Mogas Baalchaa
Caamsaa 2/2018 (ENA): Waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan qindoomina qabu hojjechuun dandeettii dubartootaa guddisuun agarsiiftuu badhaadhina amansiisaa akka ta’an taasifneerra jedhan Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee obbo Mogas Baalchaa.
Kana kan ibsan duula filannoo Paartii Badhaadhinaa dubartoota qofti irratti hirmaatan irratti dha.
Sagantaa kana irratti Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kan ta'an aadde Adaanech Abeebee fi deeggartoonni kutaa magaalaa hundarraa walitti dhufan argamaniiru.
Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee obbo Mogas Baalchaa haasaa waltajjii kanarratti taasisaniin, qajeelfama ijoo yaada ida’amuu dandeettii hunda qindeessuun ijaarsa biyyaaf itti fayyadamuu akka ta’e hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan adda addaa fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneessan milkaa’inaan raawwatamuu ibsaniiru.
Imala badhaadhinaa keessatti dubartoonni humna murteessaa fi kan bakka hin buufamne ta’uu dhaabichi cimsee kan amanu dha kan jedhan obbo Mogas, dubartoota dhaabbilee mootummaa ijoo keessatti ramaduu irratti jijjiiramni guddaan taasifameera jedhani.
kanaan itti gaafatamummaa isaaniif kennameen bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa akka jiranis himaniiru.
Bu’aawwan kunneen bu’aa siyaasaa qofaaf osoo hin taane, qabatamaan badhaadhinni hirmaachisaa ta’uu agarsiisa jedhani. Kunis jireenya dubartootaa kan jijjiire ta’uu himaniiru.
Waltajjicharratti hojiiwwan gurguddoo fi bu’aa ba’ii hojii dubartoota magaalichaa waggoota shanan darban keessatti fayyadamummaa dubartootaatiif hojjetamaa turan irratti bal’inaan mari’atameera.