Marii paanaalii sadarkaa olaanaa ya’ii dhiibbaa uumtoota Miidiyaa Hawaasaa Afrikaa irratti gaggeeffaman - ENA Afaan Oromoo
Marii paanaalii sadarkaa olaanaa ya’ii dhiibbaa uumtoota Miidiyaa Hawaasaa Afrikaa irratti gaggeeffaman
Ebla 30/2018 (ENA) – Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa Afriikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026) har’a guyyaa lammaffaa isaa qabateera.
Waltajjiin kun Miidiyaa 'Pulse of Africa' fi 'AGA Tech Enterprise' waliin ta'uun kan qophaa'e yoo ta'u, kaayyoon isaas bifa dhugaa Afrikaa addunyaatti beeksisuu fi seenessa dijiitaalaa abbummaan geggeessuudha.
Yaa’ii Taatee Seenaa keessatti kan jalqabaa ta'e kanaan, biyyoota Afrikaa 30 irraa kandhufan dhiibbaa uumtoonni 61 hirmaachaa jiru.
Namoonni kunniin walumaagalatti hordoftoota miiliyoona 321 ol qabu.
Kana malees, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 kanneen hordoftoota miiliyoona 150 qaban seenaa dijiitaalaa haaraa barreessuuf yaa’ii kana irratti hirmaataniiru.
Hirmaattonni yaa’ii kanaa oolmaasaanii guyyaa jalqabaatiin Inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Itiyoophiyaa, Eksipoo Itiyoophiyaan Haa omishtu kan Wiirtuu Konvenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jiruu fi Wiirtuu oomisha Biddeenaa Gullallee daawwataniiru.
Akkasumas, pirojektoota gurguddoo madda dippilomaasii Afrikaa kan taate Finfinnee keessatti ijaaraman, misooma koriidaraa fi hojiiwwan misoomaa adda addaa irra deemanii daawwataniiru.
Yaa’iin kun carraa dijiitaalaa Afrikaa fuulduraa deebisanii bocuuf karoorfateera.
Oolmaasaa har’aatiin dhimmoota sadii irratti mariin paanaalii sadarkaa olaanaa ni gaggeeffama.
Hubannoo nam-tolchee(AI) fayyadamuun, qabiyyee uumtotni gara fuulduratti
Maqaa gaarii Afrikaa ijaaruu fi Dhiibbaa dijiitaalaa "Agenda 2063" kan Gamtaa Afrikaa waliin walsimsiisuu jedhurratti ni mari’atama.
Yaa’iin kun gabaasota rakkoolee irratti qofa xiyyeeffatan, seenaawwan guddina Afrikaa dhugaatiin bakka buusuuf tarsiimoo kaayyeffate ta'uun eerameera.
Dabalataan, yaa’iin kun Yaadannoo Injifannoo Adwaa keessatti gaggeeffamuun isaa, bara haaraa Afrikaan seenaa ishee ofii isheetiin seenessuu jalqabdee jirtuuf hiika guddaa kennaaf.
Yeroo ammaa kanatti iji hordoftoota dijiitaalaa miiliyoona 470 ol ta'anii Finfinnee ilaalaa jiru.