Mootummaan jijjiiramaa ENA’n akka lammaffaa dhalatu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan jijjiiramaa ENA’n akka lammaffaa dhalatu taasiseera
Ebla 29/2018(ENA): Waltajjii marii biyyaalessaa mata duree “Miidiyaa ijaarsa seenessa waloof” jedhuun gaggeeffamerratti haasawa taasisaniin, Hojii Gaggeessaan olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribee akka himaniti, ENA’n haaromsa mootummaan jijjiiramaa damee fi dhaabbaticha irratti jijjiirama raawwateen, erga hundeeffamee haaromsa taasifameefii hin beekne taasisuun dhaabbatichi akka lammaffaa dhalateetti ilaalama jedhani. Mootummaan jijjiiramaa ENA’n akka lammaaffaa dhalatu taasiseera jedhani.
Haaromsi ilaalchaa, seeraa, gurmaa’insaa fi hojii taasifameen ENA’n madda oduu amanamaa fi dhiibbaa Afrikaa keessatti uumu ta’ee, dantaa biyyaalessaa tiksuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuu danda’eera jedhani.
Dhaabbatichi dhaqqabamummaa isaa babal’isaa, karaa teeknooloojii gurmaa’ee, marii waloo Itiyoophiyaa bira darbee ijaaruun sagalee Afrikaa ta’aa jira jedhani.