Eksipoon Itiyoophiyaan haa omishtuu, carraa egeree biyyattii ifa kan taasisan bu’aawwan Industirii itti mul’atanidha - ENA Afaan Oromoo
Eksipoon Itiyoophiyaan haa omishtuu, carraa egeree biyyattii ifa kan taasisan bu’aawwan Industirii itti mul’atanidha
Ebla 29/2018 (ENA): Eksipoon Itiyoophiyaan haa omishtuu, carraa egeree biyyattii ifa kan taasisan bu’aawwan Industirii itti mul’atan ta’uu piresidaanti Taayyee Asqasillaaseen himani.
Pireezidaanti Taayyee Asqasillaaseen “Eksipoo Itiyoophiyaan haa omishtuu ” 4ffaa daawwataniiru.
Pireezidaantichi ergaa daawwannaa isaanii kanaan dabarsaniin, hojiiwwan hedduu hojjetaman industirii egeree biyyattii ibsu Eksipoo kanarratti arguu isaanii himaniiru.
Sochiin Itiyoophiyaan haa omishtuu, omisha biyya keessaa cimsuu, galii sharafa alaa dabaluu fi cehumsa teeknooloojii mijeessuun bu’aa qabatamaa galmeessisuun isaa ni yaadatama.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa oomishaalee industirii birmadummaa ishee mirkaneessan bal’inaan oomishaa akka jirtu eeruun, Kanaafis sochiin Itiyoophiyaan haa omishtuu gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru hubachiisaniiru.
Qoonsilaa fi dippiloomaatonni Itiyoophiyaa ambaasaaddara ta’uun oomisha biyya keessaa beeksisuu fi carraa gabaa bal’aa uumuuf itti gaafatamummaa akka qabanis hubachiisaniiru.
Eksipoon kun, dandeettii oomishaalee biyya keessaa addunyaatti agarsiisuu bira darbee, imala Itiyoophiyaan damee industiriitiin badhaadhinaaf taasifte kan agarsiisudha jedhani.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Eksipoo Itiyoophiyaan haa omishtuu 4ffaa Ebla 25 hanga 30, 2018tti gaggeeffamu eebbisuun isaanii ni beekama.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA