Yeroon Seenaa keenya Afaan keenyaan itti himnu amma - ENA Afaan Oromoo
Yeroon Seenaa keenya Afaan keenyaan itti himnu amma
Ebila 29/2018(ENA):Hirmaattonni yaa'ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa, yeroon seenaa keenya afaan keenyaan itti himnuu fi itti galmeessinu amma jechuun ibsan.
Yaa'iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa Palsi Of Afrikaa ("Pulse of Africa) (POA) fi Intarpiraayizii teekinoolojii A.G.A waliin ta'uun qopheessan Finfinnee Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffama.
Yaa'iin kun dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa waltajjii tokkotti walitti fiduun, dhimmoota mul’ata Ardii waloo guddittii kanaa irratti akka mari’atan waltajjii dandeessisudha.
Hirmaattonni yaa'ichaa dhiibbaa uumtota miidiyaa Hawaasummaa ardii Afriikaa kallaattii arfaniin gara Finfinnee dhufuun hojiiwwan adda addaa daawwachuu eegalaniiru.
Dhiibbaa uumtuun miidiyaa Hawaasaa Sudaan Kibbaa irraatii dhufte Adiit Suzaan namoonni yeroo baay'ee waa'ee bifa badaa Afrikaa malee dandeettii, kennaa fi eebba ishee hin dubbatan jetteetti.
Afrikaan biyya bareedduu hundi daawwachuu qabu ta'uu eeruun, yaa'iin kun dhiibbaa uumtoota walitti fiduun hariiroo isaanii akka cimsus ibsiteetti.
Yaa'iin Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa), (POA)fi intarpiraayizii teeknoolojii AGA-Tech waliin qindoomuun qophaa'e kun, dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa tokko taasisuu ni dandeessisa jetteetti.
Keevan Gumbii (KBG) Maalaawii irraa kan dhufe Afrikaan madda qabeenyaa, seenaa bareedinaa fi aartii ajaa'ibsiisaa ta'uu ibseera.
Yeroo baay'ee seenaa keenya namoota birootu nutti hima turan, amma garuu yeroon seenaa keenya afaan keenyaan itti himnuu fi itti galmeessinu dhufeera, jedhe.
Mooses Keyuunee Yugaandaarraa kan dhufe yaanni yaa'ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kun qabatee dhufe baay'ee gaarii ta'uu dubbatera.
Afrikaanonni haala kanaan wal’arguun isaanii akka wal baran, aadaa isaanii akka waliif qoodanii fi akka guddisan carraa gaarii kan uumu ta’uu ibseera.
Yaa'iin kun walirraa barachuu fi muuxannoo wal-jijjiiruuf carraa guddaa ta'uu isaas hirmaattonni ibsaniiru.